Koronaavaayiras: 'Delhiitti namoota afur keessaa tokko Covid-19n qabameera'

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddoo Indiyaa, Dehliitti namoota afur keessaa tokkoo koronaavaayirasiin qabamuu mala kan jedhu bu'aan qorannoo saamuuda dhiheenya gadhiifamee tokko mulliseera.
Qorannoon mootummaan gaggeessee akka mulliseetti, saamuuda dhiigaa namoota 21,387 qoratamee keessaa kan parsantaa 23.48 ta'an irratti 'antibody' Covid-19 argameera.
Haalli kunis tatamsa'inni vaayirasichaa magaalattii keessatti baayyina lakkoofsaa qorannoon mirkanaa'een caalaa olaanaa ta'uu mullisa.
Hanga ammaattis Dehlii keessatti namoonni 123,747 koronaavaayirasiin irratti argamuu kan mirkannaa'ee yoo ta'u, kunis baayyina lakkoofsa ummata magaalichaa miliyoona 19.8 keessaa %1 kan ta'uudha.
Lakkoofsi kun % 23.44 wayita gahuuttis namoonni vaayirasichaan qabaman miliyoona 4.65 akka gahu himama.
Akkasumas, baayyinni namoota Dehlii keessatti qabamaniiru jedhaman %23.48 siriiyyuu gadaanaadha, sababii magaalattiin golawwan namoonni garmalee keessatti waliitti sisiquun jiraatan hedduun waan jiraniif jedheera.
Haata'u malee, namoonni hedduun ammalleen saaxilamtoota waan ta'aniif malawwan ittisaa cimaa hordofuu qabuu jedhameera.
Qondaaltoonnis qorannoon akkasii kun biyyattii keessatti yoo gaggeefamu kan jalqabaafi baayyee murteessaadha jedhaniiru.
Sababiin isaas aanga'oonni haala tatamsa'ina vaayirasichaa haalaan akka hubataniif ni gargaara waan ta'eef baayyee murteessaadha jedhameera.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannichi aanga'oota mootummaa akka meeshaalee qorannoo haala gaariin dhiyeessaniifi imaammata faalama naannoo irratti xiyyeefatan akka hojjatan ni gargaara.
Delhiin magaaloota Indiyaa vaayirasichaan baayyee miidhaman keessaa tokko. Magaalatiitti namoota haalaan dhukkubsataniif hirrinni siree hospitaalootaa kan mudate jalqaba torban Waxabajjiitti ture.
Haata'u malee, buu'uuraalee hospitaalootaa irratti fooyyansi kan taasfame yoo ta'u, ergasiin booda lakkoofsi namoota guyyaan vaayirasichaan qabamanii gadi bu'aa dhufeera.
Magaalattii keessatti torban lamaan darban keessatti guyyaan namoota 1,200 hanga 1,600 tu vaayirasichaan qabama. Kunis kan baatii Waxabajii keessa turerra wallakkaan kan hirrateedha.
Guyyaa Wiixataa ammoo magaalattii keessatti namoota 954 vaayirasichaan qabame.
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii haalaan hirrachuunis baayyina hojii qorannoo, duuka bu'insa, adda baasuun tursiisuun kan wal qabateedha.
Akkasumas, magaalattii keessatti baayyinni lakkoofsa namoota guyyaan Covid-19n lubbuusaanii dhabanii hirrateera.
Guutummaa biyyattii keessatti
Indiyaan seera koronaavaayirasii ittisuuf baafte laaffistus lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii ammas dabalaa jira.
Kaleessa sa'aatii 24 keessatti qofa namoonni 37,148 ta'an koronaavaayirasiidhaan yoo qabaman, 587 ammoo du'aniiru.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 1,171,356 Covid-19 qabamaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














