Barreessaaan 'Fox News' ergaa jibba sanyummaa barreesseen hojii gadi dhiise

Maxxanfame

Waggoota dheeraaf miidiyaa Ameerikaa 'Fox News' jedhamuuf barreessaa kan ture Bileek Neef sababa barreeffama ergaa 'jibbiinsa sanyummaa' fi qoccoollaa saalaa qabu maxxanseetiin hojii gadi dhiise.

Bileek kan bara 2017 keessa 'Tucker Carlson Tonight ' irra hojjachuu eegalees hijiisaa gadhuusuu CNN gabaaseera.

Innis yeroo hedduu mariiwwan onlaayii irratti jechuuta baayyee jibba sanyummaa fi qoccoolaa saalaatiin guutamaniin barreessee ture. Gochi isaa kunis erga sirrii akka hintaane qorannoon erga mirkanaa'ee booda hojii gadi dhiise.

Qoannoon CNN Bileek marsaa 'AutoAdmit' jedhamurratti jecha hedduu nama mufachiisu fayyadamuu saaxile.

'Fox News' ergaa barreeessaan kun barreesse 'daran kan nama mufachiisu fi kan hinmalle' jedheera.

Maxxansichi maal jedha?

Maqaa dhoksaa CharlesXII jedhuutti fayyadamuun yaada lammilee gurraacha Afrikaan-Ameerikaa, Eeshiyaan-Ameerikaan fi dubartoota arrabsu barreessaa ture.

Kanneen keessaa 'warri gurrachi osoo silaa mana taa'anii geemii taphatanii yakki ni xiqqaata ture. Yakki kan hammaateef warri gurraachi hirriba gahaa waan hin arganneefi,' jedhe.

Dubartii tokko salphisee waa'ee jireenya dhunfaa ishees odeeffannoo saaxiluun maxxanseera.

CNN namni maqaa CharlesXII jedhuun barreessu Bileen Neef ta'uu eeruu argateen booda qorannoo taasisaniin isa ta'uu isaa mirkaneeffatan.

'Fox News' maal jedhe?

Miidiyichi hanga Jimaataatti gocha nama kanaa quba hin qabu ture jedheera. Battala arganittis hojiirraa akka gadi dhiisu gochuu himan.

"Hin dogoggorru, gochoota akka kanaaf obsa hin qabnu, hojjettoota keenya keessa yeroo kamuu akka jiraatu hin hayyamnu."

Bileek hojjechiisaa kan ture Kaarlisan yeroo dhiyootti dhimma kanarratti ibsa ni kenna jedheeera maddii oduu 'Fox News'.

'Fox News' duraan Bileek barreessaa jabaa jechuun ibsee ture.