Mariin hidha Haaromsa Guddichaa adda citee ture deebi'e eegale

Maxxanfame

Mariin dhimma Hidha Haaromsa Giuddichaa Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduu taasifamaa tureefi adda citee, amma guyyaa Jimaata kaleessaa eegale.

Marii dhimma Abbayyaa kan Afrikaan Kibbaa dura teessuu fi Gamtaan Afrikaa irratti hirmaatu kuni akkuma kana duraa viidiyoodhaan eegaluu tajaajilli oduu Sudaan gabaaseera.

Ministirri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa Silashii Baqqalaa (PhD) mariin biyyoota sadii Jimaata waaree booda akka eegaleefi gaafa Sambataa (har'a) itti fufuu fuula tiwitara isaanii irratti barreessaniiru. mirkaneessaniiru.

Mariin kuni guyyaa guyyaan torban lamaaf akka turullee himan.

Torban muraasa dura mariin biyyoota sadan gidduutti taasifamaa ture dhimmoota hedduu irratti waliigalteerra akka gahame kan ibsame yoo ta'u dhimmi seeraa garuu irratti wal hin galamne ture.

Itoophiyaan waliigalteerra gahames waliigalamuu baates baatii Adooleessaa keessa bishaan akka guuttu beeksifteetti.

Masriifi Sudaan immoo osoo waligalteerra hin gahamiin bishaan akka hin guutamne Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniittti xalayaa barreessani gaafataniiru.

Inumaa Masriin UN marii kana gidduu seenuun furmaata akka barbaadu gaafattee turte.

Haa ta'u malee, dhimmi Afrikaa biyyoota Afrikaan hiikamuu qaba yaada jedhuun Gamtaan Afrikaa gidduu seenee sadarkaa marii biyyoota kanaan furuuf irratti waliigalameera.

Marin guyyaa kaleessaa eegale irratti dhimmoonni ijoo irratti mari'ataman dhimma teknikaafi seeraa akka ta'an miidiyaan Masrii al - Ahiraam Ministeera Jallisii biyyattii waabeffachuun gabaaseera.

Marii guyyaa kaleessaa taasifame irratti Afrikaa Kibbaa, Gamtaa Afrikaa, ogeessota seeraa, Ameerikaafi Awurooppaan taajjabaa ta'anii akka irratti hirmaatan qondaalli Masrii kuni ibsaniiru.

Jalqaba baatii Waxabajjii keessa viidiyodhaan biyyoonni sadan osoo marii gaggeessaa jiranii gidduutti gareen Sudaan MM isaanii waliin akka mari'atan waan ibsanif akka adda cite Itoophiyaan ibsitee turte.

Masriin garuu waliigalteerra hin gahamne kanaaf adda cite jechuun dhimmicha Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti geesiste.

Masriin ji'oota muraasa keessatti dhimma marii hidha Abbayyaa gara UN yeroo geessitu yeroo lammataaf ture. Itoophiyaanis ejjennoo ishee xalayaadhaan ibsiteetti.

UN's Wiixata darbe dhimmicha irratti mari'atee ture. Isa dura garuu dhimmicha gidduu Gamtaan Afrikaa gidduu seenee biyyoonni sadan torban lama keessa waliigaluuf wal - ta'aniiru.

Itoophiyaan akkuma dura jechaa turte marii Gamtaan Afrikaa gidduu seene boodas ibsa baasteen torban lama gidduutti bishaan guutuu akka eegaltu ibsa waajjirri Ministira Muummee baaseen beeksisteetti.

Hidhaan laga Abbayyaa waggoota 9 darbaniif kan ijaaraamaa jiru yoo ta'u gaafa xumurame annisaa elektirikii guddicha humna bishaaniin maddisiisu ni ta'a.