Lammiileen Sudaan ammas hiriira mormiif daandiitti bahan

Maxxanfame

Lammiileen Sudaan kumaatamni magaalota biyyattii keessa jiran hedduu keessaa haaromsi siyaasaa guddaan nu barbaachisa jechuun mormiif daandiitti bahan.

Gareeleen siivilii biyyattii kan jedhan hiriirrichi kan barbaachiseef kaayyoon warraaqsa siyaasaa biyyattii keessatti bara darbe gaggeeffame galma gaheeramoo hin geenye kan jedhu mirkaneessuuf.

Warraaqsa bara darbeen Omar al-Bashir waggoota dheeraa booda aangoo irraa kaafaman.

Humnootni nageenyaa magaala Kaartumii fi kaan keessatti bobbaafamaniiru. Daandii guddaa gara waajjira olaanaa humna waraanaatti geessu irrattis humnootni nageenyaa bobbaafamniiru.

Namootni hiriira bahan daandiitti bahuun sirbaa, sagalee konkolaataa fi kaan dhaggeessisaa jiru.

Warraaqsi bara darbe Sudaanitti gaggeeffame bara aangoo Bashiritti xumura gochuun mootummaan cehumsaa humna waraanaa fi siivilii irraa hundeeffame.

Haa tahu malee abdii biyyattiitti haaromsi siyaasaa fi bulchiinsi siivilii guutummaan waan guutame miti jedhamuun komatama.

Hiriira har’aa keessatti malaammaltummaan akka dhaabbatu kan jedhuufi namoota bulchiinsa Bashir jalatti ajjeefamaniif haqni argamuu qaba jechuun bahan.

Dabalataan paarlaamaan biyyattii akka hundaa’u waadaan galamee ture.

Ministirri Muummee Abdallaa Hamdook jala bultii hiriiraa kana dursuun ergaa biyyaaf dabarsaniin haaromsi akka dhufu waadaa seename gurguddaan guyyoota dhufan keessatti akka raawwatu ibsan.

Haa tahu malee Ministira muummee fi gaggeessitootni kaan waan waadaa galan hojiitti hiikuu dadhabuun dhiphina keessa galanii jiru.

Keessumaa gatiin oomishaalee nyaataaf oolanii fi gatiin boba’aa dabaluu rakkoo akka itti tahe himamam.

Kun weerara koroonaavaayirasii kana keessatti kan mudate yoo tahu dinagdee biyyaa irratti dhiibaa uumera.

Sudaanitti koroonaavaayirasiin lubbuu namoota 500 galaafateera.