Liiverpuul Yargan Kilooppi jalatti 10ffaa irraa gara 1ffaatti

Maxxanfame

Liiverpuul waggoota 30 booda Shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliz bara 2019/2020 tahe

Waggoota 30 waancaa PL mo’achuu kan hin dandeenye Liiverpuul waggoota dheeraaa kanneen booda kaleessa galgala yeroo Cheelsiin 2fi 1’n Maanchister Siitii mo’atu shaampiyoonaa tahuu isaa mirkaneeffate.

Liiverpuul leenjisaa duraanii Sir Keenii Dagilish jalatti ture bara 1990 isa xumuraaf shaampiyoonaa tahuu kan danda’e.

Ergasii liiverpuul waancaa Piriimerliigii injifachuuf waggoota 30 eege.

Leenjisaa Yargan Kilooppi jalatti abjuu isaa yeroo dheeraa dhugoomseera.

Bara darbe qabxii tokkoof jecha Maanchister Siitiidhaan caalame waancaa kan dhabe Liiverpuul bara kana ammo tapha tokko qofa mo’amee waanchicha harka galfate.

Kana malees bara kana rikeerdii garaagaraa cabsaniiru. Osoo hin mo’amiin waggaa tokkooo oliif taphoota hedduu mo’ataaa turan.

Mohaammad Saalaa, Sadiyoo Maanee, Virjil Vaan Daayik, Roobertoo Firmiinoo, Aleksaandar Arnooldi fi karra eegaa Alisan beeker taphatoota adda durummaan shaampiyonaa akka tahan gargaraan jedhama.

Liiverpuul 10ffaa irraa gara 1ffaatti

Yargan Kilooppii leenjisaa Liiverpuul tahanii erga hojii eegalanii kilebicha waggoota shan darban keessatti jijjiirama guddaa agarsiise.

Lammiin Jarman Kilooppi bara 2015 ji'a Onkoloolessaa keessa dirree Aanfiildi yeroo gahan kilabichi sadarkaa 10ffaa irra jira ture.

Bireendaan Roojersi kilabicha foyyeessanis milkaa'uu hin dandeenye ture. Kiloppii Borushiyaa Doortimoondi yeroo lama shaampiyoonaa Jarman akka tahu gochuun bara 2013 ammoo xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif geessisuun gara Liiverpuul dhufan.

Waggoota darban keessa haala tapha kilebichaa qofa osoo hin taane qabxiin isaanii walumaan fooyya'e. Walitti aansuun sadarkaa 4ffaan waggoota lamaaf xumuruu, itti aansuun ammoo sadarkaa 2ffaa, bara kana 1ffaan xumuruu danda'an.

Mohaammad Saalaa, Sadiyoo Maanee fi Roobetoo Firmiinoon bara dorgommii sadiitti galchii 211 tahu lakkoofsisan.

Mohaammad Saalaan [92], Sadiyoo Maanee [65] fi Firmiinoo [54] waggoota sadan darbanitti Liiverpuuliif lakkoofsisaniiru.

Kilooppii kaleessa imimmaaniin hudhamaa deeggartootaaf ergaa baga gammaddan jedhu dabarsan.

Taphattoota isaanii galateeffataniiru. Kun Liiverpuuliif waancaa piriimerl Ligii 19ffaadha.

Yeroo kana keessatti namootni gammachuu ibsachuun rakkisaa ta'uu kan himan Kiloopp yeroo danda'amutti gammachuu kana deeggartoota keenya waliin ni mi'eeffannaa jedhan.

Ani Waancaa kanaaf waggoota 30 hin egne ergan dhufee waggaa afur garuu injifannoo guddaa galmeessinee jedhan.

Sababa Covid-19'n dorgommiin ji'oota sadiif adda cite ni deebi'aafi hin deebi'uun osoo gaaffii ta'ee jiruu taphniitti fufuufi shampiyoonaa ta'uutti gammaduu dubbatan.

Liivarpuul taphni torba osoo hafuu Shaampiyoonaa ta'uu kan mirkaneeffate yoo ta'u osoo Siitiin tapha galgalaa injifatee jiraatee jiraatee Liivarpuul tapha torbee itti aanuu eeguuf ni dirqama ture.