Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waatfoordi abdii Liivarpuul duraa busheessan
Liivarpuul taphoota hunda osoo hin mo'amin waancaa mo'achuuf abdii qaban Waatfoordiin 3-0 injifatamuun osoo hin milkaa'in hafaniiru.
Galchiiwwan lama Ismaayiilaa Saar fi kan sadeessoo dursaa taphattootaa Tirooy Diinii irraa argamaniin, imalli Liivarpuul injifatamuu malee taasisaa turan haala suukanneessaadhaan xumura argateera.
Taphoota 18 walitti aansuun kan mo'atan warri diddiimoo, osoo Vikaareej Rood irratti injifachuu danda'anii, riikoordii haaraa galmeessisu ture.
Namoonni hedduunis Viikaareejitti kan argaman Liivarpuul taphoota 19 walitti aansanii yoo irra aanan arguuf ture.
Taphaan booda yaada kennaniin, ''Isaan waan hojjachuu barbaadan hunda hojjatani, nuti ammoo hin hojjanne, kanaaf moo'an, kubbaan miilaa akkasi'' Yergan Kilooppi gaabbiin haasa'aniiru.
Varjiil Vaandaayik gama isaatiin: ''Waatfoordi haala miidhagaan taphatani, hedduus falmatani, galchii sadiis lakkoofsisuu danda'aniiru, omaa gochuu hin dandeenyu, amannee fudhachuu qabna.
Waa'ee riikoordii kan haasa'u miidiyaadha, nuti tapha hunda injifachuuf hojjanna, isa fuulduraaf cimnee hojjachuu qabna,'' jechuun taphataan sarara ittisaa Liivarpuul dubbateera.