Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uggura Koroonaavaayiras: Dhalli namaa uumamaan dhibaawoodhaa?
Sababa weerara koronaavaayirasiin namuu qe'ee oola. Yeroo mana keessa turrus wantoota dur yeroo bashannannu qofa raawwannu irra deddeebbiin raawwachuu malla. Wanti kuni guri salphaadhaa?
Bulchaan kutaa biyyaa Kaaliforniyaa filmii gabaabduu namoonni miiliyoona sadii ol daawwatan gadhiisanii, miidiyaa hawaasummaarrattis bal'inaan qoodamaa ture.
Viidiyoo san irratti komeediyaaniin Laarii Deeviid jedhamu, namoonni gorsa dhimma Covid-19 irratti mootummaarra kennamu akka hordofan jajjabeessa. Tamsa'ina weerarichaa hir'isuuf mana akka turanis ni gorsaan.
''Rakkoon keessan maali? 'gadhee dha isin' guyyaa guutuu footeerra gad ciistanii TV ilaaluu jibbituu?'' jedha.
Kana dura akeekkachiisa dhimma fayyaa raawwachuu hin barbaanne kanneen akka ispoortii hojjechuu, kuduraafi muduraa soorachuu fa'itu nutti himamaa ture.
Amma garuu gorsi mootummaa salphaa fakkaata, soofaarra taa'aa, mana turaa kan jedhudha, kuni hundi dhibaawummaa keenyaaf waan gaarii fakkaata.
Haa tahu malee, akka yaadame salphaa akka hintaane yeroo weeraraa kanatti barree jirra. Uumamni keenyi xiqqoo dalagnee akka jiraannu waan saganteeffame miti.
Jireenyi keenyi sochiin of mul'isa, ni bareedas. Yoo xiqqaate ko'omuufi boqochuu wal madaalchifnee jiraachuu barbaanna.
Yeroo hedduu filmaata salphaa barbaanna, daandii mormii hin qabne, karaa qaxxaamuraa milkaa'inatti geessu.
Riimoot kontiroolii TV otoo qabduu, maaliif TV bira dhaqxee ibsitee dhaamsita? Otoo konkolaataa qabduu maaliif bishkiliitiin gabaa deemta? Hojii waayillii kee hojjetuun gaditti mana taa'ii hojjedhu jedhamnaan maaliif diddaa?
Kuni qajeelfama 'dhamaatii xiqqoon waa dalaguu' jedhamuun beekama, qajeelfama kana namni jibbu jira jettee hin yaaddu taha. Garuu, yeroo hunda qajeelfama kana cabsina.
Kana dura hojii malee taa'ee nan taa'a jettee yaaddee beektaa? Sireekeerra dalga ciistee baaxii fi araaxii ilaaluu, callisa naannoo dhaggeeffachuu.
Yaada namatti tolu fakkaata, waan hojjettu tokkoyyuu dhabuu-hirriba qofa rafuu - ulfaataa dha.
Qorannoon beekamaan tokko waggootaan dura Yunivarsiitii Varjiiniyaatti dalagamee ture, hirmaattonni qorannichaa kutaa qullaa keessa akka seenan itti himame.
Bilbila, kitaabaafi kompiitara qabachuun dhorkaa ture, dabalataan hirriba sillimiif gadi ciisuunillee hin eeyyamamneef.
Miila isaaniirra elektiroodiin (meeshaa dambalii elektiriikii waan tokkorraa fuudhee deebisu) hidhameetu daqiiqaa 15 akka turan taasifame.
Dalagaa boqonnaafi ofitti deebi'uuf carraa kennu ture.
Achiinoo dhumnisaa attam tahe?
Namoonni qofaa akka turan godhaman kunneen kompiitara rifannaa elektiriikaa (electric shock) isaanitti gadhiisu akkatti tuqan itti agarsiifameera.
Namoonni kunneen lammata dalagaa kanatti hin deebinu waan jedhan sitti fakkaachuu mala. Hi'ii irraa kaattan.
Dhiiroti harka 71 tahan fi dubartoonni harka 25 ta'an yoo xiqqaate al tokko elektiriikiin sun akka isaan naasisu godhaniiru. Namni tokko immoo ala 190 of rifachiiseera.
Waan hojjetan qabaachuu dhabuun ulfaataa tahuun, jarreen kun of dararuu akka filatan isaan taasiseera. Tasgabbiirra of rakkisuu filatan.
Fakkeenyi kun baayyee kan xiyyootti kan bahe dha, garuu namoonni jireenya isaanii guyyuutti waan gochuu hin barbaanne raawwachuu filatu, kunimmoo takka takkaa miidhama qabaachuu mala.
Namoota fiigdota otoo hin tahiin maaraatoonii fiigan, ispoortii ciccimaa hojjechuun of adaban. Isa fayyaa isaaniif barbaachisuun olitti warreen dalagan fa'i.
Warreen gaara cabbiin haguugame bahan, warreen hanga fiixee galaanaatti yabalan.
Maayikil Inliich Yunivarsiitii Toroontootti barsiisaa dha dhimma kana 'falmii tattaaffii' jechuun waamu.
Takka takka karaa salphaa barbaanna, xiqqoo dalagnee keessaa bahuu, garuu yeroo kaan immoo haala tattaaffii murtaa'aa barbaadu feena.
Tattaaffii keenyaan waa hojjechuun yookiin argachuun gammachuu gatii nuu kennuuf qaxxaamura deemuu dhiisna.
Haala kana ijoollummaa keenyatti baranna. Ijoollee taanee muuxannoon keenya waa dalaguuf tattaafachuun akka badhaasa nuu argamsiisu baranne. Kunimmoo oomishtummaa barnootaan dhufe jedhama.
Kanaaf yeroo of adda baasne mana turru maratti, soofaa irra gad ciisuu, TV ilaaluun yeroo dabarsuun alatti nun fayyadu.
Callisnee hojii malee taa'uun waan bashannanaa fakkaachuu mala.
Isayyuu boqonnaan nuuf kenname dirqamaan yoo taheefi dheeraa yoo tahe, qaamni keenyi dhukkubsataa miti taanaan, bashannana tahuunsaa hafeetu tasgabbii dhabuufi jeequmsatti nu galcha.
Mana turuun yoo dirqama tahu akka yeroo kaanii madaala jiruu keenyaa eegsisuuf furmaata soquun barbaachisaa dha.
Kanaaf, ispoortii hojjechuu, dalagaawwan ofii kennuu, hojiiwwan ifaaja barbaadaniifi ulfaatoo tahan yaaluun immoo barbaachisaa dha.
Dalagaawwan kunneen akka fakkii kaasuu, biqiloota kunuunsuu, shallaga wayii xiinxaluu yoo kana raawwanne sa'aatii lakkaawwu jalaa bahuu dandeenya.
Yeroo biyyi nagaa boqonnaa fudhachuu akka waan barbaachisaatti hin ilaallu.
Carraa akkasii kanatti fayyadamuun sirriitti boqochuuf yaaluun barbaachisaa dha. Yeroon kun yoo darbu ko'oomuu fi boqochuu wal madaalchisanii jiraachuu hojiitti geeddaruuf nu gargaara.
Dhimmi guddaan yeroo kanatti baruu qabnu uumamaan dhibaayoota akka hin taane dha.
Inumaayyuu xiqqoo hojjetanii baayyee boqochuun ifaaja barbaada.