Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerarri marroo lammaffaa maali? Yoom ka’a?
Weerarri koronaavaayirasii ammallee addunyaarraa baduuf yeroonsaa fagootti hafa. Biyyoonni hedduun dhibee Covid-19'n garmalee dabalaa jiru waliin wal’aansootti jiru. Biyyoonni dhibecha to’anneera jedhan ammoo weerara marroo lammaffaatu nutti as deebi’a jechuun yaaddahuu eegalaniiru.
Kanaan dura dhibeewwan hedduun biyya lafaa weeraranii kan turan yoo ta’u, seenaan weerara marroo lammaffaan akkaan cimaa akka ture dubbatu ogeeyyiin.
Dhibeen sirna hargansuu miidhu ‘Spanish Flu’ jedhamu addunyaaf qormaata guddaa ture, weerarri kun marroo lammaffaa deebi’ee wayita ka’u isa duraa caalaa addunyaa miidhe.
Dhibeewwan kanaan dura akka weeraraatti addunyaarra weerarani turan hedduunsaanii dagachiisanii marroo lammataaf addunyaatti deebi’anii baayyee miidhan.
Kanaafuu, weerarri koronaavaayirasiis marroo lammaffaan addunyaatti deebi’uu danda’aa? Hagam balaafamaadha?
Dambalii(wave) weerara dhibee jechuun maali?
Dhibeen tokko bakka tokkorraa ka’ee bifa weeraraan wayita addunyaa walga’u, wayita baayyee dabalaa deemu dambalii weeraraa jedhama.
Yeroo baayyee dhibeen addunyaa weeraru tokko erga balaa guddaa uumee booda to’annoo jala oolee marroo lammaffaaf deebi’ee ka’a.
Fakkeenyaaf biyyoonni akka Niwu Zilaand akkasumas Chaayinaan(kan iddoo ka’umsa koronaavaayirasiiti jedhamtu) guyyoota hedduuf nama haaraa qabame gabaasaa hin turre.
Niwu Zilaand guyyoota 24’f vaayirasicharraa bilisa akka taate himti.
Chaayinaan ammoo guyyoota shantama booda namoonni haaraan qabamuu ibsite.
Garuu biyyoota kanneen lamaan qofaaf weerarri marroo lammataa ka’e jechuu hin dandeenyu.
Weerara marroo lammataa maaltu kaasisuu danda’a?
Kolleejjii Fayyaa magaalaa Landan keessatti argamutti barsiisaa kan ta’an Dr Adam Kucharski uggurri sochii hawaasaa hatattamaan kaafamaa jiraachuun weerarri koronaavaayirasii deebi’ee akka addunyaa hubu karaa saaqa jedhan.
Uggurri sochii uummataa fi imalaa diinagdee, barnootaa fi jiruu fi jireenya hawaasummaarratti miidhaa guddaa qabaata kan jedhan Dr Adam Kucharski garuu yoo uggurri ka’es of eeggannoowwan biroo cimsuu qabna jedhan.
Uummanni walitti heddummaachuun iyyamamee, yoo of eeggannoon hin cimne, weerara hamaatu lammata mudata jedhan.
Akka Dr. Adam Kucharski jedhanitti, sababa weerara kanaatiin tarkaanfiiwwan fudhataman irraa kan ka’e haalli jiruu fi jireenya hawaasaa geeddarameera, uummanni harka walfuuchuu dhiiseera, walirraa hiiqanii deemuun, walitti heddummaachuu dhabuun baratameera, kun yoo duubatti deebi’uu baate weerarri marroo lammataa baay’ee hin sodaatamu jedhan.
Landan, Yuunivarsitii Oof Warkwick keessa kan hojjetan Dr Mike Tildesley biyyoonni tarkaanfii laaffisaa deemu taanaan ji’oota as deemaa jiran Hagayyaa fi Fulbaana keessa facaatiin vaayirasichaa dabaluu danda’a jedhan.
Waqtiin roobaa tatamsa’ina vaayirasichaaf haala mijataa waan uumuuf yeroo sana of eeggannoo hin cimsinu taanaan weerarri kan ammaarra hammaataan ka’uu danda’a jedhan.
Dhiibbaa weerara koronaavaayirasiin sirni fayyaa biyyoota miidhamuu kan dubbatan doktaroonni fayyaa kunneen ji’oota gannaa keessa weerarri kun hammaachuunsaa waan hin oolle jedhan.