Namootni Covid-19'n qabamanii gara Chaayinaa seenan yaaddoo ta'an

Maxxanfame

Guyyoota sadan darbaniif namni haaraan Chaayinaa keessatti Covid -19 kan hin qabamne ta'us, namootni qabamanii gara Chaayinaa seenan yaaddoo ta'aniiru.

Guyyoota muraasa dura bakki ka'uumsa dhibee amma addunyaa goolaa jiruu kan taate Chaayinaan nama biyyattii keessatti vaayirasichaan haaraa qabame osoo hin galmeessiin ooluun ishee oduu aaga jedhamee ture.

Hanga jimaata darbeettis guyyoota sadiif milkaa'inuma kana galmeessiteetti.

Haa ta'u malee, Jimaata darbe namootni vaayirasii kanaan qabaman kan biyyoota biroorraa dhufan 41 galmaahaniiru. Kun yaaddoo uumeera.

Lakkoofsi namoota Covid-19 qabaman kan biyyoota garaa garaarraa dhufan lakkoofsi isaanii ammaa guutuu biyyattii 269 gaheera.

Barattootaa fi ogeeyyii biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa turanitu vaayirasii kanaan faalamanii Chaayinaa seenaa jiru.

Hanga ammaatti lammiileen biyyoota alaatii dhufan kun vaayirasicha lammiilee biyya jiranitti hin dabarsinee jetti Chaayinaan.

Sodaadhuma kanaaf weerarri vaayirasii kanaa marroo lammataa akka hin kaane of eeggannoowwan jajjaboo gochaa jirti.

Biyyootni Eeshiyaa biroon akkam jiru?

• Filippiins guyyaa tokkotti namoota vaayirasii kanaan qabaman 77 galmeessiteetti. Kunis, lakkoofsa isa guddaa guyyattii galmaa'e ta'eera. Waliigalatti namootni 307 vaayirasichaan qabamaniiru.

• Indooneezhiyaan hanga ammaatti namoota qabaman 450 mirkaneessiteetti, 38 ammoo du'aniiru. Magaalli guddoon biyyattii Jaakaartaan labsii yeroo balaa labsiteetti.

• Indiyaatti hanga ammaa namootni 230 ta'an Covid-19'n qabamaniiru.

Godaantotni hojii isaanii dhaaban kumootaan lakkaawaman gara qe'ee isaanii baadiyyaatti deebi'uu isaanii hordofee vaayirasichi namoota hedduu faaluu mala sodaan jedhu jira.

• Kooriyaan Kibbaa guyyoota 15'f namootni akka waliitti hin deddeemne dhorkiteetti.

Guyyaa har'aa qofa namootni haaraan 147 qabamuun mirkanaa'eera. Dhuma ji'a darbeetti guyyaatti namootni 909 ta'an vaayirasichaan qabamanii turan.

• Baankookitti lafti gabaa hundi yoo cufamu, Singaapoor hanga ammaatti du'a namoota lamaa gabaafteetti.