Koronaavaayiras: Kun 'jireenya sirrii' Covid-19 boodaa ta'ee hafuu malaa?

Niw Yoorkiittii jaalalleewwan baatiiwwan booda pilaastika keessaan yeroo jalqabaatiif akka wal hammatan hayyamameef

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Niw Yoorkiittii jaalalleewwan baatiiwwan booda pilaastika keessaan yeroo jalqabaatiif akka wal hammatan hayyamameef
Maxxanfame

Gochawwan pilaasitiika keessaan wal hammachuu, daree keessaafi alaa, akkasumas bashannanna fageenya eeggatee taasisuun malwwan namoonni tatamsa'ina Covid-19 hirriisuuf hojiirra olchan keessaa muraasa. Taateewwan suuraan deegaraman kunneenis jireenyi haaraan weerara koronaanaavaayirasiin booda addunyaarratti maal akka fakkaatu hanga tokko isniitti agarsiisa.

Erga Covid-19 addunyaa mudatee as wantoota hedduun geedaramaa jira.

Weerarri Covid-19 kunis addunyaarra bakka kamiyyu namoota jiraatan hundaa haala adda addaatiin dhiibbaa irraan gahee jira.

Biyyoonni tokko tokkoos ugguura kaa'anii turan amma laaffiisuu eegalanilleen, mee suraalee jirenyi erga weera Covid-19n boodaa maal akka fakkaatu agariisuu kana dowwadhaa. Tarii haalli jireenya kunis yeroo dhufan muraasaaf kan itti fufuu ta'uu mala.

Darewwaan barnootaa

Barsiisota daree barnootaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Fageenya hawaassummaa eeggachaa manneen barnootaafi olmaa da'immanii deebiisanii banuun, barattootaafi barsiiftootaaf qormaata olaanaa ta'aa jira.

Keessattuu biyyoota itti manneen barnootaa deebii'ee banamaa jiru keessatti, maatiiwwan ijoollee xixiqqoo qaban ammoo hunda caalaa attamiin ijoolleensaanii nagaan baratanii akka galuu danda'an irratti yaaddoo olaanaa keessa galaniiru.

Fakkeenyaaf, Xaaliyaan magaalaa Iviriyaatti, attamiin manneen barnootaa erga ugguraatiin booda deebiifamanii haala itti banaman irratti akka yaaliitti qorannoo gaggeessuuf jecha olmaan daa'immanii lama banamaniiru.

Paarkiiwwan

Namoonni lafa isaaniif sararame yeroo qabatanii jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Tarii namoonni paarkiiwwan keessa bashannantanii beektaniif, wayita gara paarkootaa deemamuutti imalawwaniifi bashannana maatii duratti ture ni yaadattu ta'a.

Amma garuu erga uggurichaatiin booda dowwannaaniifi turtiin paarkiiwwan keessaa adda ta'eera.

Bakkeewwan xabannaa paarkiiwwan keessaa hedduun cufamaniiru. Bakkeewwan magariisni deebiisanii banamanillee seerri fageenya eeggachuu akkuma hojiirra oleetti jira.

Biyya Ameerikaa paarii Biruukleiin keessatti, namoonni bashannanaafi caama qanqaammachaa kan jiran geengoo margarratti tolfame keessatti qofaadha. Kunis namoonni walirraa fagaachuun akka turan gargaaruuf kan kaa'ameedha.

Hojii

Namoonni yeroo bakka adda bahanii taa'anitti

Madda suuraa, Getty Images

Tibba ugguraatti namoonni baayyeen manaa hojjetaa turan. Heedduunis karaa viidiyootiin namoota waliin hojjetan waliin wal argaa hojiisaanii raawwataa turan.

Haata'u malee, wayita dhimmoonni deebiisanii banamuu eegalaniitti bakkeewwan hojii deebiisee kan haala qabatamaa Covid-19 jiruun waliin deemuu taasifamu qabaata.

Fakkeenyaaf, Afriikaa Kibaa Johaansbargiitti bakka calbaasiif itti dhiyaatuuf gurguramu keessatti haala asiin oliitti mullatuun pilaastikii wal nama agarsiisuufi rog-arfeen kaa'ameera.

Bittaafi gurgurtaa

Nama huccuu hodhu

Madda suuraa, Getty Images

Haalli itti waa bitanniifi gurgurruus akkasuma geedarameera. Karaa onlaayiniitiin waa bitachuun baayyee kan dabale yoo ta'u, bakka qaamaan dhaquun barbaachisuutti ammoo supparmaarkettiiwwan hedduun fageenya eegsiisuuf namoota waa bitachuu dhaqan hiriira galchuun kaan seenee hanga bahuutti wayita dhaaban mullatu.

Oggeessi uccuu hodhu kunis biyya Neezarlaandi Roterdaam keessatti ofi laaliitti fayyadamuun tatamsa'iina koronaavaayirasii irraa wayita ofi ittisu mullata.

Harkasaa pilaastikaan haguugamee karaa qaawwaatiin dabarsuun uffanni maamila isaatiif sirriin akka ta'u sirreessaaf jira.

Alaa nyaata wal affeeruu

Namoonni yeroo mana nyaataatti laaqanarra jiran

Madda suuraa, EPA

Tarii hirriyyoota waliin bahanii manneen nyaataa keessatti wal affeeruun haala duraatiin deebi'ee kan dhufu ta'aa laataa?

Fakkeenyaaf, akkuma suurarratti agartaniin, Taayilaandi Baankook keesstti namoonni minjaalawwan pilaastikaafi dahoodhaan adda qoodaman irratti nyaata soorataa jiru.

Manneen nyaataa hedduunis kana kan tolchaniif akka namoonni tajaajilamuuf gara sana deeman walirraa fageenya eegsisuuf yaadamee kan hojiirra olfameedha.

Qophiilee konsartii muuziiqaa

Konkolaataawwan bakka agarsiisa muuziqaa dhaabbatan

Madda suuraa, Getty Images

Tibba kana jireenyi waan addaa fakkatulleen, walitti dhufuun wantoota jaallannu kan akka muuziiqaatti gammadu hindandeenyu jechuu miti.

Garuu haalli itti hirmaannu yeroof adda fakkaachu mala. Fakkeenyaaf kan suuraarratti agartan kunis konsartii muuziiqaa Kooriyaa Kibbaa Gooyaanyi keessa tureedha.

Qophii konsartii muziiqaa wallistoonni bebbeekamoon irratti argamaniifi guyyoota sadiif gaggeefamee kanarrattis namoota hedduutu qooda fudhate.

Garuu akka durii waltajjiirratti shubbisuun osoo hintaanee fageenyasaanii haaluma eeggataniin konkolaataa saanii keessa taa'uun qophicharratti hirmaatanii turan.

Egaa erga weerarri Covid-19 addunyaa tanarratti mullateen asi waa hedduutuu geedaramuun haalli jireenya namootaas haaluma sanaan geedarame jira. Kun egaa haala jireenyaa haaraa itti fufuu ta'amoo, jireenyii durii sun kan dafee deebii'u ta'a laata? Waan walumaan ilaallu waan ta'uuf, jeenyaa nuuf haa kennuu jenna.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa