Tiraamp qondaala dhimma alaa bara Obaamaa muudaman hari'an

Tiraamp qondaala dhimma alaa bara Obaamaa muudaman hari'an

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti qorataa olaanaa kan ta'an Istiiv Liinik qondaaltota olaanaa pirezidaant Doonaald Tiraamp hari'an keessaa tokko ta'aniiru.

Akka Aab Tiraamp jedhanitti, Istiiv Liinik irratti amanamummaan qaban waan hir'ateef guyyoota 30n itti aanan keessatti hojii ni gadhiisu.

Qorataa Olaanaan kun Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Maayik Pompeyoon aangoosaanii qixa sirrii hin taaneen fayyadamaniiru kan jedhurratti qorannaa gaggeessaa turan.

Warri dimokiraatotaa Pirezidaant Doonaald Tiraamp namoota dogoggora sirna bulchiinaa isaaniirratti gaaffii kaasan hunda hojiirraa hari'aa jiru jechuun komii kaasaa jiru.

Doonaald Tiraamp paartii dimokiraat keessaa kan taate Afayaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa US kan Naansii Peloosiitti xalayaa erganiin,''Qorataa Olaanaan kun muudamuusaatti homaa gaabbuu baadhus, garuu nama kanarraa amantaan an qabu akkaan gadi bu'eera,'' jechuun sababa isaanii ibsaniiru.

Qorataan kun dhimma Maayik Pompeyoo irratti qorannoo gaggeessuu eegaluunsaanii kan barame erga hojiirraa hari'amuunsaanii dhagahameeti.

Paartii dimokiraat keessaa kan ta'an Eeliyat Anjel,''pireezidaantichi nama isaaniif amanamaa ta'e kanarratti qorannoo eegalchiisuun isaanii ta'e jedhanii waan raawwataniidha,'' jedhan.

Himati Maayik Pompeyoo irratti baname maal akka ta'e himuurraa garuu of qusataniiru qondaalli paartii dimokiraat kun.

Miseensonni kongireesii maqaasaanii eeruuf sodaatan ammoo qorataan kun isa Maayik Pompeyoon hojjettoota ministeera dhimma alaa keessa jiran hojii dhuunfaasaaniif ajajaa jiru jedhamee shakkame qorachuuf ramadaman jedhu.

Ogeessa seeraa kan ta'an qorataa olaanaa Liinik bara bulchiinsa Pirezidaantii duraanii US Baraak Obaamaa muudaman.

Itti gaafatamni isaaniis ministeera dhimma alaa keessatti seera maleessummaa argame saaxiluu fi baasiiwwan raawwataman galmeessuu ture.

Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Naansii Peloosii qondaalli kun akkaataa heera mootummaatiin itti gaafatamummaasaanii ba'achaa turan jedhan.

Waan heera mootummaa kabajanii hojiisaanii hojjetaniif qofa adabaman jechuun tarkaanfii Tiraampi morman.

Pirezidaantichi hojjettoota itti gaafatamummaasaanii akkaataa heera mootummaatiin ba'achaa jiran hari'uurraa akka of qusatanis akeekkachiisaniiru.

Tiraamp ji'a darbes qorataa olaanaa damee tikaa biyyattii kan ta'an Mikaa'el Atkiinsan hojiirra hari'anii turan.