Koronaavaayirasiifi ispoortii: Ispoortiin yoom akka jalqabamuurratti korri taa'amuuf

Durree Liiverpuul, Anfiild

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Karra cufachuu qofaan kan gaggeeffamu ta'ullee UK keessatti ispoortiin yoom akka deebi'ee jalqabamuu qaburratti mootummaan walga'iiwwan daarekteroota medikaalaa ispoortiiwwan gurguddoo hirmaachise walitti fufinsaan gaggeeffamu torban dhufuu kaasee jalqabuuf akka jiru beeksiseera.

Walga'iin hanga danda'ametti ispoortiin addaan citee ture akka deebi'ee jalqabamu gochuuf yaadame kun "murtee jiru saffisiisuudhaan" yoo kan fuula duraatti deemsisu ta'eef "torbeewwan keessatti" akka jalqabu taasisuuf.

Dursaan Qondaala Medikaalaa walga'iiwwan karoorfaman kana keessatti kan hirmaatu yoo ta'u karoora kana ilaalchisees Ministirri Muummee UK ibsi kennameeraa.

Akaakuuwwan ispoortii ogessota fayyaatiin ilaalamuun sirnaafi qajeelfama akkamii hordofuudhaan yoom akka jalqabuu danda'an kan ilaalamu ta'a. Kana jechuun akaakuuwwan ispoortii tokko tokko warra kaan caalaa dursanii deebi'anii jalqabuu danda'u.

Namoota bakka ispoortii kanatti akka argaman hayyamamuuf qoratamuu, walirraa fageenya eeggachuu qaban, sadarkaa qulqullinaa kaa'amuu qabuufi wantota dhorkamuu malan irratti kora kana irratti ka'ee ijoo-dubbii marii ta'a jedhamee eegama.

Karoora kana qabachuun kan dhufe erga Ministirri Aadaa Oliiver Daawdeen miseensota paarlaamaa keessatti namoota guutummaa Biritish keessaa aanga'oota bakka bu'an waliin akkamitti ispoortii sababa weerara koronaavaayirasittiif cufamee akka banamuu qaburratti "marii bu'a qabeessa" jedhame gaggeessaniin boodadha.

Kilaba Maanchester Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Haata'u malee, tarkaanfiitti deebi'uun amallee wantota shan mootummaan kaa'e, keessumaa qajeelfamoota akka qorannoofi walirraa fageenya hojiirra oolchuu irratti hundaa'a.

Sochiiwwan ispoortii biyya UK keessa sadarkaa kamirrayyu jiraniifi akaakuun ispoortii hunduu sababa weerara koronaavaayirasii biyyaattii keessatti lubbuu namoota 20,000 ol ta'e galaafateen cufamaniiru.

Walga'iin demsifamuuf jiru kun akka qophiitti ilaalamuus danda'a. Karoorri bahe jechuun ammoo hojiirra oola jechuu ta'uu dhiisuu mala sababiin isaas yoo haalli amma jiru kun bakka hundaatti hin mul'atu ta'e rakkisaadha.

Aanga'oonni mootummaa akka jedhanitti, sadarkaa amma irra jiramu kanaan sochiin ispoortii kamiyyu karra cufatan duuba keessatti qofaan danda'ama.

Haata'u malee, dhorkaa ji'ootaaf tureen booda jalqabamuun isaatiiyyu hamilee namaa akka cimsu ni beekama.

Aanga'oonni garuu yoo kilabiin tokko mo'ateef gammachuu isaanii ibsachuuf jecha istaadiyeemii fuulduratti walitti qabamuu malu sodaa jedhu qabu.

Dowdeen akka jedhanitti Piriimer Liigiin taphawwan muraasa torban kana keessa karra akkuma cufateen tamsaasa kallattiitiin deggertoota biraan gahaa jalqabuuf ture.

Piriimer Liigiin kora isaa itti aanu jimaata dhufu gaggeeffata.

Taphatti deebi'uun dura 'qorannoon sirriin' ni barbaachisa

Liigiin Kubbaa Miilaa Ingilish (EFL) akka jedhetti mootummaatiin, "Tarkaanfii yeroo ammaa fudatamaa jiru dinqisiifachuun" taphatti deebi'uun kan danda'amu "karaa tumsa walootiin".

Liigichi kanaan dura tapha hafe guyyota 56 keessatti xumuruuf abdii godhatee garuu taphoonni karra cufatanii qofa gaggeeffama jedheera.

Ibsa Sanbata baaseenis, dhaabbanni Shaampiyoonsii, Liigii tokkoffaafi Liigii lamaffaa hogganu kun osoo kubbaan miilaa Ingilaand keessatti deebi'ee hin jalqabiin dura "qorannoon sirriin mijeeffamuu qaba" jedhe.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa