Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin nama daa’ima waggaa 6 gudeedee ija miidhe adamsuutti ka’e
Poolisiin Hindii nama daa’ima umrii waggaa jahaa bulchiinsa Maadiyaa Piraadeshitti qe'eedhaa ukkaamsee fudhachuun gudeedee adamsuu eegale.
Namni yakka kanaan shakkame akka adda isa hin baafanneef daa'ima ija keessa miidheera jedhameera.
Yeroo ammaa haalaan miidhamtee hospitaala magaalaa Jabalpuur argamu keessa akka jirtu poolisiin himeera.
Ministirri ijoo bulchiinsichaa Shivraaj Siing Koohan wanti raawwate ‘’qaanessaadha’’ jedhan.
Poolisiin akka jedhetti daa’imti kuni gaafa Roobii galgala qe’ee Aanaa Daamoh jirtu keessa hiriyyoota ishee waliin taphataa turte.
Era galgala sana baddee booda gaafa Kamisaa ganama gamoo namni keessa hin jiraanne keessa harki ishee hidhamee of wallaaltee argamte.
‘’Iji ishee nama ishee irratti miidhaa geessiseen miidhameera. Fuula ishees hubeera,’’ jedhan supparintendant Hermant Chaawuhaan PTI'tti yoo himan.
‘’Doktaroonni ija isheef wal’aansa baqaqsanii hodhuu taasisaa jiru,’’ jedhan.
Nama bakka shakkamaan kuni jiru eeruu kenneef ruuppii Hindii 10,000 (Dolaara 100 yookiin birrii 3,000 ol) ni kennama jedhameera.
Qondaalli poolisii akka jedhanitti shakkamtoonni gaaffiif dhihaatan jiru. Namoonni dhihootti hidhaman akka jiranillee himan.
Erga bara 2012 dargaggoo gudeedamtee magaalaa Delhii keessa ajjeefamte as xuxxuqqaan saalaafi gudeeddiin dhimma ijoo maqaan Hindii itti ka’u ta’eera.
Haleellaan dubartootarratti gahu kuni mormii cimaafi seera namoota gudeeddiin himataman itti adabaman akka jijjiiramu taasisuus miidhaan gahuu garuu hin dhaabanne.
Akka ragaa dhihoo kanaatti, namoota afur gudeedaman keessaa tokko daa’imadha.
Yeroo gudeeddii hedduus namoonni gudeedaman abbaa isaan gudeede beeku.
Baranuma baatii Guraandhalaa keessa dargaggeessi umri 25 Imbaasii Ameeerikaa magaalaa Delhii argamu keessa daa’ima waggaa shan gudeeduun shakkamee hidhameera.
Baatii Sadaasaa keessammoo dubartiin umrii 27 gareedhaan gudeedamtee magaalaa Haayidiraabaad keessa duute jennaan mormii cimaafi ijoo dubbii guddaa ta’ee ture.