Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Aanaa Adaamaatti dargagoonni torba bataskaana keessatti du'anii argaman,' Poolisii Aanaa Adaamaa
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa mana amantaa Ortodooksii Yohaannis Didibbisaa jedhamu keessatti Sanbata duraa halkan dargaggoonni torba lubbuun isaanii darbee argamuu poolisiin beeksiise.
Ajajaan poolisii Aaanaa Adaamaa Komaandar Tasfaayee Ittaanaa BBC'tti akka himanitti dargaggoota lubbuun isaanii darbe torba keessaa jaha dubartoota yoo tahan tokko dhiira.
Dargaggoonni kunneen Faarfattoota mana amantichaa ta'uu fi jala bultii ayyaana Faasikaa kabajuuf mana amantichaa akka turanis himan.
"Dargaggoonni kunneen faarfattootuma mana amantichaa waan tahaniif jala bultii ayyaanaatti sababuma waaqeffannaatiif galgala mana amantichaa seenanii turan. Galgala naannoo sa'aatii 8 yeroo tahu dubartoonni jahaa fi dhiirri tokko ciisanii turan," jedhan.
Eeruu loolisii qaqqabeen halkan sa'aatii 9'tti yeroo achi gahamu dubartoonni jahanuu lubbuun isaanii kan darbee fi dhiirri tokko ammoo erga mana yaalaa gahee lubbuun darbuus himan.
Sababa rakkoo kanaa adda baasuuf jechas reeffi dargaggoota kanneenii qorannoodhaaf gara Hospitaala Minilikitti ergamuus himan.
Ta'us kutaan dargaggoonni kunneen keessa rafanii turan kutaa jenereetaraa ta'uu fi sababa roobaatin manicha cufatanii waan tureef kuni sababa ta'uu mala shakkiin jedhu jiraachuus eeran.
Dargaggoonni kunneen hundi isaaniituu dhalattootuma gandichaa ta'uu fi naannoo sanatti sababni biraa yakkaan walqabachuu dandaha jedhanii shakkan akka hin jirre himan.
Yeroo poolisiin bakka balaa kanaa gahutti namoota mana amantaa sana keessa turan namoota 11 too'annaa jala oolanii qoratamaa jiraachuus eeraniiru Komaander Tesfaayeen.
Dargaggoota torban mana amantaa keessatti lubbuun isaanii darbe sirni awwaalcha isaanii raawwatameera.
Reeffi isaanii kaleessa qorannoof gara hospitaala minilikitti ergamee kan ture deebi'uun manuma amantaa lubbuun isaanii itti darbee aragame Yohaannis Didibbisaatti awwaalchi isaanii raawwate.
Bu'aan qorannoo mana yaalaa akkuma nu gaheen bu'aa qorannoo adda baasnee ibsina jedhan komaander Tesfaayeen.