Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shawaa Bahaatti kanneen ajjeechaa sukkaneessaa poolisii irratti raawwachun shakkaman 46 to’ataman
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa Ganda Adulaalaa Bokkuutti A.L.I Sadaasa 24, 2012 gaafa Roobii ganama poolisoonni lama shakkamtoota to'achuf deemanfi namni nagaa tokko haala sukaneessaan ajjeefamani turan.
Poolisoota lama haala sukkaneessaan ajjeefaman alatti poolisoonni lama biroo irratti ''miidhaa cimaatu'' gahe jedheera poolisiin. Kunneenis, yaalamaa akka jiranitu gabaafame.
Yakka kanaaf Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa ummata naannoo sanaa himataniiru.
Ergasii booda oppireeshinii taasifameen shakkamtoonni 40 ol to'atamuu poolisiin Shawaa Bahaa beeksiseera.
''Shakkamtoota gara namoota 46'tti dhihaatan to'annee qorataa jirra,'' jedhan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaatti Itti gaafatamaan Kutaa qorannoo Yakkaa Komaandar Tasfaahun Taaddasaa Birruu.
Komaandar Tasfaahun namoonni gaafa badiin raawwate 'daboodhumaan yaa'aniiti'' miidhaa hamaa irratti geessisani jedhan.
''Namoonni ijoo shakkaman kan qabamanis jiru, kan miliqanis jiru. Garuu, baay'inaan namoonni yakka kana irratti hirmaatan to'atamani jiru,'' jedhan.
Bakki ajjeechaan kuni itti raawwate magaalaa Adaamaa irraa 15km fagaata kan jedhan Komaandar Tasfaahun, bakki isaas gara Soodare deemsisurra gara harka mirgaatti Wanjiifi Awaas Malkaasaa gidduu jedhan.
'Yakka ajeechaafi ragaa sobaa'
Ji'a jaha dura achuma ganda yakki torban kana raawwatetti namni tokko ajjeefamee bishaan keessa gatamee akka ture poolisiin ni hima.
Namoonni sadii jiraattota gandichaa ta'an ''argineerra, nama abalu jedhamuutu ajjeese jedhani poolisii bira raga bahani,'' jedhu Komaandar Tasfaahun.
Kanneen poolisii bira ragaa bahan mana murtiitti dhihaatani ragaa akka bahan xalayaatiinis, qaamaanis gaafatamani 'barbaadamani argamuu hin dandeenye' jedhan.
Sababa kanaanis, ji'oota shan olif darbanif kanneen ragaan irratti bahame mana hidhaa turuu himu. Ta'us, namoonni jalqaba poolisiitti dhihaatani ragaa bahan mana murtiitti dhihaatani raga bahuu didan.
Gaafa Roobii ganama ajaja mana murtiitiin beellamni waan tureef akka dhihaatan yeroo poolisiin dhaqee gaafatetti 'nama barbaadamu argatani jennaan jeequmsa irratti uumame,'' jedhan.
''Kanumaaf manni murtii mirga warra hidhame kabachiisuf jecha jarri kuni akka dhihaatan godhame'' kan jedhan Komaandar Tasfaahun, kanaanis poolisoonni lama Roobii ganama deeman ajjeefamuu, kaan lama immoo madaa'u danda'ani.
Poolisiin meeshaa qabate akkamin kana ofirraa to'atu dhabe kan jedhaman Komaandar Tasfaahun ''Poolisin ummatarratti dhukaasu hin barbaanne, yakka sukkaneessaa akkasii nurratti raawwata jedhanis hin yaadne' jedhan.