Koroonaavaayiras: Namoonni ammallee waaqeffannaaf maaliif walitti qabamu?

A woman sings and claps during Easter Sunday morning services at The Friendship Baptist Church on April 12, 2020 in Maryland

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Manneen amantii biyyoota addunyaa garagaraa keessa jiran gorsa saayinsawaa tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf iddoo tokkotti walitti qabamuu dhorku didaa turan.

Amma barreessaan addaa bilisummaa amantee fi amantii Mootummota Gamtoomanii Dr Ahimad Shahiid ''amantiiwwan gochaawwan fayyaa hawaasaa irratti yaaddoo uuman,'' akka dhorkaniif mootummoota gorseera. Kunis seera addunyaatiin hayyamamaadha jedhan.

Gaaffii fi deebii BBCn addatti Dr Ahiimad Shahiid waliin taasiseen, dhaabbileen amantii fageenya ofii eeggachuu jajjabeessuun gahee isaanii bahachuu qabu jedhan.

''Warreen amantii dirqama seeraan kenname yoo qabaachuu baatanillee nageenya hawaasaa eeguuf itti gaafatamummaa qabu.

Covid19 otoo jiruu waaqeffannaa gaggeessuu

Congregants attend Sunday morning Easter services at The Friendship Baptist Church on April 12, 2020 in Baltimore.

Madda suuraa, Getty Images

Kiristaanoti baayyeen ayyaana Faasikaa qaamaan otoo wal hin argiin haa kabajaniyyuu malee, Waldaaleen Kiristaaanaa Ameerikaa keessa jiran muraasni ammallee qaamaan argamuun tajaajila kennaniiru.

Paastariin Luuziyaanaa, Toonii Ispeel sagantaa Dilbataa waldaasaa Taabirnaakilitti namooti 1000 tahan dubbateera. Kuni eegaa bulchiinsi naannichaa namooti 50 ol walitti akka hin qabamne dhorkee otoo jiruuti.

Paakistaanittis abbootiin amantii isa mootummaan nama shanii olitti walitti hin qabamiinaa jedhe didaati jiru.

Biyyattiin dhorkaawwan kaasuu jalqabde jennaan. Abbootii amantaa tokko tokko immoo namooti yeroo Ramadaanaa dhufu kanatti akka walitti qabamaniif gaafataa jiru.

Worshippers in Karachi offer Friday prayers at a mosque during a government-imposed nationwide lockdown

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee Paakistaan Imraan Kaahin yeroo baatii Ramadaanaa tarkaanfiin akkamii fudhatamuu akka qabu abbootii amantii waliin ni haasofna jedhaniiru.

Paakistaanitti Covid19 dhaan namooti qabaman kanneen imala amantiif Gidduugala bahaa turani deebi'ani dha. Kaan immoo garee Taabliijih Jamaat(Garee Ergama Musliimaa) keessatti kan hirmaatani dha. Walgahii kanarratti namooti hirmaatan Hindii, Indooneziyaa fi Maaleziyaa keessatti vaayirasichaan qabamaniiru.

Kooriyaa Kibbaatti namoonni Covid19 qabaman warreen amantii dhoksaatti gaggeeffamu Shiincheewonjii jedhamu waliin hidhata qabani dha.

Gareen kun garuu dhiyeenyatti dhiifama gaafateera. Qondaalota waliin akka hojjetu illee hojjechaa akka ture himeera, qondaalootni muraasa miseensa tahan garuu qoratamuuf hayyamamoo hin taane.

Saayintistoonnii fi ogeessootni fayyaa walgahiin gareen adeemsifamu koroonaavaayirasii tamsaasuu akka danda'uu fi lubbuu namootaa gaaga'uu akka danda'u.

Namoonni otoo akeekkachiifamanii maaliif waaqeffannaaf walitti qabamu?

Waaqeffannaa akka fedhii bu'uuraatti

A drive up Easter service in Ohio

Madda suuraa, Getty Images

Maatiiw Shimiiz nama amantii Kaatolikii hordofuu yoo tahu kutaa biyyaa Ameerikaa Peenslvaaniyaa iddoo walitti qabamuun namootaa guutummaan guutuutti dhorkame keessa jiraata.

Maatiiw waaqeffannaan tajaajila bu'uuraa waan taheef tarkaanfiin fageenya eeggachuu suuqii nyaata bitatanitti hojii irra oolu waldaattis fayyadamuun ni danda'ama jedha.

''Warreen suuqii banaa yeroo tahu callisanii waldaan qajeelfama kenname fudhachuun waaqeffannaa yeroo gaggeessan haa cufamu jechuun garuu daldala caalsisuu dha,'' jedheera.

Inni qaamaan waldaatti argamuun sirnoota adda tahan raawwachuun karaatti

''Haadha warraa kee yookiin abbaa warraa kee bira jiraachuun dadhabina otoo hin taane jaalala ati qabdu dha kan agarsiisu. Jaalala Waaqaafis wal fakkaataa dha.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Gaaffii amanamummaa

Congregant leave Life Tabernacle Church after Easter service

Madda suuraa, Getty Images

Baastiyaan Ruujeens ogeessa xiinsammuu Daach yoo tahu sirna amantaa irratti qorannoo gaggeessa.

Deebiin uummatni gorsa mootummaaf kennu akkatti inni mootummaa ilaalu irratti murtaa'a,'' jedha.

''Namoonni gariin durumaa mootummaa aangoo irra jiru ijaa hin amanneef qajeelfama achii bahu hordofuud rakkatu,'' jedha.

Namoonni akkasii ergaa ogeessotaa fi saayintistoota mootummaa waliin hidhata qaban amanuun isaan rakkisa jechuu dhas jedha.

''Neezarlaand keessa hariiroon mootummaafi hawaasa hanga sanaa summaa'aa gatii hin taaneef kanaan hin rakkannu,'' jedha Ruujeens.

Hogganaa kee hordofuu...

Tanzanian President John Magufuli

Madda suuraa, Getty Images

Takka takka immoo hogganaa biyyaatu walitti qabamuu jajjabeessa. Pireezidaantii Taamzaaniyaa Keemistiriidhaan PHD qabu, lammiilee isaa bataskaanaafi masjiida deemuu keessan itti fufaa jechaa ture.

Tajaajila waldaatti kennamuttis:''Koroonaavaayirasiin seexana dha. Qaama Kiristoos keessa jiraachuu hin danda'u, ni gubata. Yeroo kana amantii jabeeffachuu qabna,'' jedhan.

Biyyattiin guutummaan guutuutti cufuu baataniis boodarra manneetii barnootaafi namooti iddoo tokkotti walitti qabamuun dhorkameetu jira.

Sheek Haasan Sa'iid Chizeengaan dubbii himaa Muftii Taanzaaniyaati, ''sagadni masjiida keessatti sagaddu isa manatti sagaddu dachaa 27 caala,'' jechuun kan pireezidantichi jedhan walii galanii jiran.

''Yeroo weerarri akkasii jiru immoo Allaah akka vaayirasicha akka mo'annuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna,'' jedhu.

Haa tahu malee Sheek Chizeengaan yoo akka biyyaalessaatti biyyi cufamti taanaan dhorkaa bahu ni hordofna jedhaniiru.

Ammaaf garuu masjiidonni tajaajila gabaabaa kennaa jiru. Namoonni afata irratti salaatan kan ofiisaanii akka fidaniifi harka isaanii irra deddeebiin akka dhiqatan gochaa jirra jedhan.

Ogeessota fayyaaf garuu ogeessotaaf gahaa miti.

A Roman Catholic Priest washes his hands after leading Palm Sunday mass as Tanzania government allowed religious prayers despite the COVID-19 pandemic in Arusha City, northern Tanzania

Madda suuraa, Getty Images

Bilisummaa amantii

Waaqeffannaaf walitti qabamuun dhimma bilisummaa amantii dha falmiin jedhu ka'us, Ahiimad Shahiid bilisummaan amantii daangaa qaba jedhu.

''Bilisummaan amantii kan hanga mirgaafi bilisummaa namoota kaaniifi hawaasa hin tuqnetti qofa dha. Kan mirga kooti jedhu, mirgisaa maal akka tahe hin hubanne jechuu dha,'' jedhan.

Baastiyaan Ruujeens vaayirasichi haaraa waan taheef tarkaanfiin ariiftaa tahe barbaachisaa dha jedhu.

''Sadarkaa kanatti bartee namootaa kan geeddaruun danda'amu seera jabaataa baasuuni,'' jedhu.

''Waanti barbaachisaan mootummaan addunyaa kanarra jiran haala dhukkubichaa gama ifaa, amansiisaa fi aangoo qabeessa taheen uummata isaanitti himuu qabus,'' jedhu ogeessi xiinsamuu kun.

''Namoonni mootummaan aangoo qabeessa tahuufi ogeessota immoo amanuu qabu,'' jedhan.