Koroonaavaayiras: Silxeetti dargaggoon tokko sabababa 'fageenya keessan eegaa’ jedhee gorseef lubbuusaa dhabe

Magaalaa Waraabee
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Waraabee
Maxxanfame

Godina Silxee magaalaa Waraabee, naannno Waashingitan jedhamutti namni gorsa Covid-19 ittisuuf kennamu walirraa fagaadhaa jedhu gorsuu isaatiif lubbuusaa dhabe.

Namni kun mana shaayii keessaa hojjeta ture. Maamiiltootni walitti siqanii taa’uu argeetu akka walirraa fagaatan itti hime.

Kana booda isaan gidduutti lolli eegale jechuun itti gaafatamaan sab-quunnamtii godina Silxee Muuddiin Muniir nutti himaniiru.

‘’Balbala mana shayii inni hojjetu bukkeetti maamiltoonni walitti qabamanii argeetu ''maaliif walirraa hin fagaattani,'' jedhe. Namoonni kunneen yaada isaa hin hubanne natti fakkaata lola gidduu isaanii dhalateen reebanii isa ajjeesaniiru,’’ Jedhan.

‘’Bunyaadhaani isa reebaa turani, iddoo reebametti miti kan lubbuun darbe. Poolisiin erga qaqqabeen booda hospitaala isa dhaqatani, garuu lubbuu isaa baraaruun hin danda’amne,’’

Hospitaala Ispeeshaalaayizidii Waraabeetti qorannoon erga taasifameefin boodas reeffi isaa maatii isaaf ergamee awwaalchi isaa raawwateera.

Gochaa raawwateen shakkamtoonni afur to’annoo jala ooluu kan nutti himan immoo, ajajaa poolisii godinichaa kan tahan Inspeektar Kaamil Hamiidi dha.

''Shakkamtoota afur qabannee jirra. Yeroo ammaa kana raga walitti qabaa jirra. Jecha isaanii erga fudhanneen booda mana murtiitti akka dhiyaatan ni taasifna. Hanga mana murtiitti dhiyaatanitti as nu bira turu,’’ jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Koroonaavaayirasii ittisuuf murtoo mootummaan dabarse hojiirra oolchuuf sochii irra jiran Inspeektar Kaamiiliin gaafanneerra.

''Konkolaataawwan hamma isaaniif hayyamameen olitti akka hin feene to’achaa jirra.

Namoota sababa kanaan qabanne jirru barumsa isaaniif kennineetu gadi dhiisna. Hawaasni waa’ee dhukkubichaa hubannoo gahaa akka qabaatus hojjechaati jirra.’’

''Namoota walitti qabanii hidhuun deebisee rakkoo fiduu waan danda’uuf, inni guddaan amansiisuufi akka of eegan gorsuu dha,’’ jedhu.

Itti gaafatamaan sab-quunnamtii godinichaa Obbo Muuddiinis xiyyeefannoon isaanii waa’ee koroonaa barsiisuu akka tahe himu.

''Waan sadii irratti hojjechaa jirra: innis vaayirasichi akkatti darbu, akkamiin ofirraa ittisuu akka dandeenyuufi erga qabamnee booda immoo maal gochuu akka nurra jiraatu dha. Kanas afaan naannichaan hanga aanaalee gaditti barsiisaa jirra.’’

Harka wal fuudhuufi mana bahuu dhiisuu ilaalchisee guutummaan guutuutti ta’uu baatus hawaasni hojiirra oolchaa akka jiru himu.

Gabaafi mana baahuurratti garuu ammallee rakkoon jira jedhu.

Hubannoo kana jabeessuufi hawaasa waliin gahuuf artistoota dhalattoota naannichaa kan tahan Mahaammad Sirgaagaa fi Alii Nuur faa waliin hojjechaa jirra jedhan.