'Lammiilee keenya kana lakki hin simannu jechuu hin dandeenyu'-Ministeera Haajaa Alaa

Namoota bara 2013 Saawdiirraa deebiyan keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa godaantootni amma Saawdii Arabiyaatii galaa jiran kan sababa Koronaavaayirasiin ari'ataman mitii jedhe.

Ministeerichatti daayireekatrii dhimmooa Qoonistilaa Obbo Yohaannis Shoodee kanaan duras mootummaaan Itoophiyaa hariiroo dippiloomasii Saawdii waliin qabuun godaantota biyyattii deebisaa turuu yaadachiisuun kun haaraa akka hin taane akeekaniiru.

Weerara Koroonaavaayiras to'achuuf biyyootni hedduun tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa wayita jiran kanatti Saawdiin godaantota seeraan ala biyya koo keessa jiru jettu biyyaa baasuun ishee qeeqa kaasisaa jira.

Lammiileen Itoophiyaa hojiif jecha karaa seeraan alaa biyyaa bahanii Saawdii turan kun biyyatti deebi'uun duula to'annoo Ministeerri Fayyaa gaggeessuttis qormaata dabalataa ta'aa jedhamee sodaatamaa jira.

Sababa Vaayirsii kanarraa sodaa qabduuf Saawdiin lammiilee biyya ormaa biyyaa ari'achaa jirti haa jedhamuyyuu malee Obbo Yohaannis lammiileen Itoophiyaa biyya saaniitti deebi'aa jiran kun sababa Koronaavaayirsiin shakkamani mitii jedhan.

Torbeewwan lamaan darban keessa ammiileen Itoophiyaa 2,000 gara Itoophiyaa kana galan ta'uufi mootummaan Saawudii baasii isaanii danda'ee balalii addaa Itoophiyaatti deebisaa akka jiru himan.

Dabalataanis qorannon fayyaa barbaachisu imala eegaluu isaanii dura gaggeefamuufi biyya yeroo galaniis gara bakka adda bahanii turanitti geeffamaa akka jiran himaniiru.

Lammiilee kana adda baasanii guyyoota 14 tursuuf mootumman idoo qopheesse keessa Yuniivarsiitiin Finfinnee isa tokko yoo ta'u hoteellonni qophaa'aniis jiraachuu mirkaneessaniiru.

Lammilee kana amma biyyatti deebisuun dhibbaa uumu ilaalchisee kan gaafataman obbo Yohaanis akka biyya walubummaa qabdu tokkootti Itoophiyaan wayita biyya biraan godaantotni kee seeraan alaa biyatti haa deebi'an jedhamtu lakkii hin simadhu jechuu hn dandeenyu jedhan.

Lammiilee Itoophiyaa achitti hafan biroofis mootummaan Saawudii deeggrsa humni danda'e gochaa jiras jedhan