Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Ameerikaatti guyyaatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n du'aanii galmee addunyaa cabse
Guyyaa tokko qofa keessatti lakkoofsi namoota Ameerikaatti koroonaavaayirasiin du'aanii 1,736 qaqqabe. Waliigalatti namoonni du'an 12,722tti ol guddate jedha ragaan Yunvarsiitii Hopkiins irraa argame.
Kibxata lakkoofsi namoota du'aanii galmaa'e kun addunyaarratti galmee haaraadha.
Ameerikaatti namoonni 398,000 vaayirasichaan qabamuun, addunyaarratti lakkoofsa namoota qabamanii hedduu qabaachuun sadarkaa jalqabaarratti argamti. Addunyaarratti lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin qabamanii mililyoona 1.43 ol darbeera.
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiramp garuu, lakkoofsa namoota qabamanii deebisne gadi buusna jedhanii dubbataniiru.
Iddoo dhibeen kun jalqaba itti argame Wuhaan, Chaayinaatti garuu labsiin jiraattootashii torban 11'f manatti uggure kaafameera. Lakkoofsi namoota du'aanii ammallee akka dabaluu danda'utu eegamaa jira.
Weellisaan beekamaaan Ameerikaa beekamaan Joon Piriin sababauma vaayirasii kanaatin ganna 73 tti du'uusaa maatiin isaa kan himan-haati warraan isaas vaayirasichaan qabamteetti.
Namoonni hedduun kutaa Niiwu Yoorkitti du'an. Iddoon kun ammatti bakka weerarri dhibicha itti hammaate ta'eera. Namootni 731 tu Kibxata du'e.
Lakkoofsi namoota Niiwu Yoorkitti qabamaniis, guutummaa Xaaliyaaniitti kan ibsamaa ture caale.
Bulchaan kutaa bulchiinsa kanaas weerarichi amma sadarkaa olaanarra qaqqabuu himan. Kanaafuu, namoonni akka mana turaniifi addaan fagaataan waaamicha dhiyeessan.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Ameerikaatti namoonni 240,000 weerara vaayirasichaan lubbuu dhabuu jedhamee akka tilmaamamu koree addaa Pirezedant Tiraamp hundeessan kan himeera.
Pirezedanti Tiraamp wayita ibsa kennaan Dhaabbaata Fayyaa Addunyaa 'gorsa dogoggoraa kenna' jechuun maddiitti, Chaayinaarratti xiyyeeffata jedhanii qeeqan.
'Ameerilkaan dhaabbaticha maallaqan harka caalu deeggarti garuu ammaayyuu Chaayinaa qofarratti fuulleffata' jedhanii qeeqanun Ameerikaan tumsa mallaqaa deeggarsaaf gaafatame hin kennitu jedhan didan Tiraamp.