Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Poorchugaal baqqatoota biyyashee jiran hundaaf hayyama jireenyaa kennuuf
Namoonni biyya Poorchugaal keessatti lammummaa argachuuf gaafatan hundinuu hayyamni jireenyaa akka kennamuuf mootummaan biyyattii beeksiseera.
Biyyattii keessatti namoonni hedduun hayyama jireenyaa argachuudhaaf iyyatanii kan turan yoo ta'u, dhimma isaanii sababii weerara koronaavaayirasii irraa kan ka'een ilaaluun isaa rakkisaa waan ta'eef baqqattoota gaaffii dhiyeessan hundaaf hayyama jireenyaa seera qabeessa ta'e akka kennamuuf murtaa'eera.
Kana waan ta'eefis, baqataan hayyama kolu-galtummaa argachuuf iyyata galfate hundumtuu hayyama jireenyaa argachuu akka danda'u ibsameera.
Aanga'oonni Poorchugaal murtee kana "Yeroo muddamaa kana keessatti waliin dhaabbachuudhaaf murtee darbedha," jechuun ibsaniiru.
Poorchugaal biyya ishee keessatti weerarri koronaavaayirasii erga jalqabee booda namoonni 5,000 dhibee kanaan kan qabaman yoo ta'u namoonni 100 ammoo lubbuu dhabaniiru.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'