Dargaggoon qoosaaf jecha ayiskreemii arraabee firiijiitti deebise hidhaan adabame

Daadirii Andirsan

Madda suuraa, JEFFERSON COUNTY SHERIFF'S OFFICE

Maxxanfame

Suuqii Teeksaas Ameerikaa tokko keessatti dargaggoon qoosaa midiyaa hawaasatiif jecha osoo ayiskreemii arraabuu viidiyoo of waraabuun firiijiitti deebisee tokko hidhaa guyyoota 30 itti murtaa'e.

Vidiyoo dargaggoo ganna 24 Di'adriyeen Andirsan waraabe kunis midiyaa hawaasaarratti kan mul'ate baatii Adoolleessaa keessa ture.

Kaameeraawwan suuqii Woolmaarti keessaa akka agarsiisaniitti, dargaggoon kun booda ayisikeemicha fudhee ofii bitee itti kanfaleera.

Gocha isa kanaafis hidhaa baatii tokkoon alatti kanfaltii malee hojii sa'aatii 10, addabbii doolaara 1,565 dhaabbata ayiskreemicha omisheef akka kanfalu itti murtaa'e.

Booda keessa Andirsaniifi abbaan isaa qondaala poolisiitti agarsiisuuf nagahee ayiskireemiicha bitusaa mul'isuu fudhatuun agarsiisuu isaa TV'n ABC gabaaseera.

Haa ta'u malee dhaabbanni ayiskireimicha omishuus ayiskireemi firijii keessa ture fi doolaara 1,565 ta'u hunda baasuun haaraan geeddareera.

Andirsanis balleessaan raawwate yakka ta'u amanee fudhateera.

Dhaabbanni Wolmaarti erga balleessaan Andirsan ifa taasifameen booda ibsa basee ture. ''Namoonni qoosaaf jecha omishaalee nyaataa irratti gocha wal fakkaataa raawwatan irratti namoota seera kabachisan waliin ta'uun akka adabaman taasifan, kun qoosaa miti,'' jechuun akekkachiseera.

Gochi Andirsan kunis adabbiif kan qaqabsiise erga daa'imti takkaa Teeksaas keessatti gocha wal fakkaatu raawwattu viidiyoon mullateen booda.

Haa ta'u malee daa'imtii umuriin ishee waggaa 18 gadi taatee suun ayiskireemicha hinbinnee. Viidiyoon wayita isheen ayiskireemicha arraabsuu mulisu sunis namoota miliyoona sadii oliin ilaalamee ture.

Isaan boodas dhimmi Andrison ilaalamuuf akka adabamuuf sababii ta'eera.