Nama abbaa kee ajjeese waliin wal arguu, araaramuu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Nama abbaa ajjeese waliin wal arguu
Maxxanfame

Gaaril nama Indooneezhiyaa magaalaa Baaliiti.

Bara 2002tti haleellaa dhohiinsa boombiitiin raawwateen abbaasaa dhabe.

Wayita abbaansaa ajjeefame inni mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa ture.

Bara sana namoota 200 caalantu lubbuu dhaban.

Namni haleellaa sana raawwate hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.

Gaaril amma nama abbaasaa ajjeese waliin wal argeera.

Araarris bu'eera.