Daa'imman Ameerikaa amantaa Moorman haleella Miksikoon ajjeefaman

Suuraa konkolaataa gubatee

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Lammileen Ameerika yoo xiqqaate shan ta'an, hadhaafi daa'imman ishee afur, haleellaa hamaa hidhattoota qoricha sammuu namaa hadoochu daldalu jedhamanii shakkamaniin Kaabaa Meeksikootti ajjeefamaniiru.

Namootni lubbuun darbe kun maatii LeBaron, kan hawaasaa amantaa Moorman waggooti hedduu dura Meeksikoo qubataniidha jedhameera.

Viidiyoon taatee kanaa, konkolaataa gubataafi reeffa namoota jiraan gubatanii agarsiisa. Namootni hedduu biroo achi buuteen isaani hin baramne.

Midiyaan biyyatti halleellaan kun eenyumaa namootaa dogoggoranii ta'uu danda'a jedha.

Miiseensonni maatii LeBaron gartuun hadhoolii sadiifi ijoollee 14 qabu konkolaattotaan Bavispee, Sonora irraa gara La Mora bulchiinsa Chihuwahuwaatti imalaa akka turan dubbatu.

Isaan keessaa gariin lammummaa Ameerikaafi Meeksikoo qabu jedhame amanama.

Bavispee keessatti hidhattootaan tasa irratti dhukaasame. Boodarra konkolaataan rasaasa ittisuu danda'u gubaatee reeffa namoota kanaa waliin daandii cinatti argame.

Gaabasooti tokko tokko reeffii namoota kaanii iddoo biraatti argamuufi warri achi buuteen isaanii dhabame garuu lubbuun jiru jedhame akka amanamu himu.

Haleellaan kun gartuu qoricha sammuu namaa hadoochuu kan bulchiinsa lamaan jidduu hojjataniin gaggeefame jedhamee yaadama.

Bulchiinsi Chihuwahuwaa fi Sonoraa ibsa waliin basaaniin qorannoon eegaluu isaaniifi humni eegumsi dabalataa naannichaatti bobbaafamu beeksisaniiru.