Giiftii dureen Lesoottoo masaanuu ishee ajjeesuun shakkamuun himatamuuf

MM losoottoofi haadha warraa isaanii

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Haati warraa Ministira Muummee Lesoottoo haadha warraa duraanii abbaa warraa ishee ajjeesuun shakkamtee himatamuufi.

Giiftii duree Masiihaa Tabaanee waayee ajjeechaa raawwatamee Poolisiin gaafatamaniiru.

Abbaan warraa isaanii MM Toomaas Tabaanees gaaffii Poolisiin dhiyeesseef deebii kennaniiru.

Haatii warraa duranii MM kanaa, Lipoleeloo Tabaanee bara 2017'tti Toomaas Tabaaneen aangoo qabachuuf wayita qophaa'aa jiran guyyaa lama dursee mana jirenyaa isaanii fuula duratti rasaasan ajjeefaman.

Tibba ajjeechaan kun raawwatamu haatii warraa fi abbaan warraa kun adda bahuuf haasaarra jiran jedhameera.

Jalqaba ajjeechaa akan duuba namoota hidhatantu jira jedhamuus booda kana Poolisiin ragaalee funaannateen ajjechaa kana duuba giiftii dureen ammaa biyyittii jiraachuu maluu jedhee shakkeera.

Kananiis giiftii dureen biyyattii dubartii ganna 42 ta'an irratti ajajni hidhaa torban lama dura baheera. Haata'u malee achi buuten isaanii hin argamne.

Akka AFP'n dubbii himaa Poolisii biyyattii waabeffatee gabaasetti waliigaltee abukaatoo giiftii duree kanaafi Poolisii giduutti raawwateen, daangaa biyyattiin Afrikaa Kibbaa waliin qabdurratti Kibxata kaleessaa qabamaniiru.

Komishinar Holoomoo Molibeeli BBC'f yoo himan giifti dureen kun mana hidha galuufi har'as himatni kan irratti banamu ta'uu dubbatan.

Ministira Muummee Toomaas Tabaanee

Madda suuraa, Getty Images

Mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf ni gaafatu moo hin gaafatan kan jedhu kan hin beekamne ta'uus, Poolisiin garuu gaaffiin kun yoo dhiyaate, miliquu waan malaniif ni morma jedhan Molibeeliin.

Abokaatoon giiftii duree kanaa dhimma himannaa maamila isaarrattoi amma dubbachuu akka hin barbaanne beeksiseera.

Giifti duree Masiihaa Tabaanee alatti namoonni ajjeechaa kanaan shakkaman biroon saddeet Losoottoofi Afrikaa Kibbaatti qabamanii himatamaniiru.

Namoota MM mormuun hiriira bahan

Ji'a darbe Ministirri Muummee Tabaaneen dhimma kanarratti Poolisiidhaan gaafatamuuf dhiyaatanii wayita turetti namootni hedduun daandiitti bahuun aangorra aakka bu'aan gaafataniiru.

Haatiu warraa duraanii MM kanaan galgala balbala mana jireenyaa isaanii fuula duratti fageenya dhiyoorraa rasaasa hedduu itti dhkaafameen du'anii daandirratti aragaman.

Ajjeefamuun isaanii lammiilee hedduu kan rifaasise ture. Guyyaa lama booda MM ta'uun muudamanii haasaa kan taasisan abbaan warraa isaanii ajjeechaa kana balaaleffatanii turan.

Paartiin biyya bulchaa jiruufi mormitootni garuu qorannan ajjeechaa haadha warraa isaanii akka harkifatu taasisaniiru jechuun isaan komatu.