Ajjeechaa Landan: Namoonni sadii Landan bahaatti waraanamanii lubbuunsaanii darbe

Maxxanfame

Baha Landanitti namoonni sadii waraanamuudhaan lubbuun isaanii darbe.

Dhiironni sadii umuriin isaanii ganna 20'oota yookiin 30'oota keessa ta'aniifi wal haadhuu keessatti hirmaatan jedhaman waraanamuudhaan gara hospitaala balaa tasaa geeffamaniiru jedhe Poolisiin Meetiroopoliitaan.

Sadan isaanii battalumatti du'auunsaanii gabaafameera. Hanga ammatti ajjeecha kana waliin wal qabatee namoonni lama umuriin isaanii ganna 29 fi 39 ta'an shakkii ajjeechaan to'annaa jala oolfamaniiru.

Poolisiin akka jedhetti ammaaf adeemsa miidhamtoota adda baasuufi maatiisaaniif waan raawwate himurraa jirra jedheera.

Suupt Istiivii akkas jedhan wal hadhuun kun namoota billaafi cuubee qabatanii garee lamatti qoodamaniin ture kan jalqabame. kana gidduutti ture dhiironni sadii hanga du'aaf isaan geessisutti kan waraanaman. "Hamma taateen kun qorannoorra jirutti carraan ajjeechaan biraa raawwachuusaa kan hin oolledha."

Ajjeechaan kun bara 2020 keessatti lakkofsa namoota waraanamaniin du'anii 6'tti ol guddisa jedha poolisiin.

Iddoo ajjeechaan itti raawwatetti: Gaazexeessaa BBC kan ta'e Greg Mckenzie

Yeroo poolisiin iddoo namoonni itti ajjeefaman gahu poolisoonni biroo achi turan.

Qondaltonni galagala keessaa sa'aatii 4:00 dura gabaasni jeequmsa akka jiru isaan gahee kan ture yoo ta'u, yeroo achi gahan dhiironni sadii walitti aananii dhukkubbii iddoo waraanamanii waliin rakkachaa turan.

Iddoo poolisoonni maandhee godhatanii yakkicha qorataa jiranitti dhiironni sadeen sunneen walitti aananii kan jiraniifi bakkichi immoo iddoo namoonni sadeen kunneen itti ajjeefamaniidha jedhameera.

Tajaajilli tasaa saffisaan kennamus lubbuu namoota waraanamanii oolchuun hin danda'amne.

Jiraattonni naannichaa yaaddoosaanii poolisiidhaaf yoo dhiheessan argeera. Bakkichis namoota yakka adda addaarratti boba'an yeroo hedduu itti dhuganiifi xuuxaniidha.

Naannoo Redbrigde'tti hamma sa'aatii 2'tti daandiin cufamee poolisoonnis achuma jiru.

Kaantiibaan Landan Saadiq Kahaan Tiwiitarasaaniirratti akkas jechuun maxxansaniiru: "Kadhannaan kiyya maatii miidhamtootaafi jiraattota naannichaa waliin jiraniif."

Dabalataanis humni poolisii dabalataa bakka sanitti akka ramadame ibsaniiru.

Qorannoo reeffaa adeemsarra kan jiruufi kan itti fufuu ta'uusaa poolisiin ibseera.