Dhibeen gifiraa balaafamaan DRC keessatti namoota 6,000 galaafate

Bara 2019 argamuunsaa erga baramee dhibeen gifiraa DR Koongoo garmalee gidirseera

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2019 argamuunsaa erga baramee dhibeen gifiraa DR Koongoo garmalee gidirseera
Maxxanfame

Akka Dhaabbati Fayyaa Addunyaa beeksisetti Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti hanga yoonaatti namoonni dhibee gifiraatiin du'an 6,000 caalaniiru.

Tatamsa'innii fi gaaga'amni dhibee gifiraa kanaan biyyattii keessatti mudate kun addunyaarratti isa hammaataa fi kan nama yaaddessuudha jedhe dhaabbati kun.

Erga jalqaba bara 2019 dhibeen gifiraa biyyattii keessatti argamee as namoonni 310,000 dhibee kanaan qabamuus ibseera.

Tatamsa'ina dhibee gifiraa booda Dhaabati Fayyaa Addunyaa fi mootummaan Koongoo Fulbaana darberraa eegalanii duula talaallii labsaniiru.

Bara 2019 keessa daa'imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta'e miiliyoonni 18 talaallii fudhataniiru.

Garuu hanqinni misoomaawwan bu'uuraa, haleellaan giddu galoota eegumsa fayyaa irra ga'uu fi meeshaaleen deggersa wal'aansa fayyaa dhibuun hojii dhibee kana qolachuuf hojjetamu gufachiiseeera.

Erga dhibeen kun biyyattii keessatti mul'atee as aanaalee biyyattii 26 hunda keessatti dhibeen kun argameera.

Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti lakkoofsi namoota dhibee gifiraatiin du'anii kan Afriikaa Giddu Galeessaa keessatti dhibee Iboolaatiin du'anii ni caala.

Addunyaarratti dhibee gifiraatiin waggaa waggaan namoonni 110,000 ni du'u.