Lammii Itoophiyaa qarshii mln. tokko dogogoraan galeef deebiise

Maxxanfame

Jiraataan magaalaa Maqalee tokko tibba kana qarshii miliyoona tokko dogogoraan akkaawuntii isaatti ergame ture baankiidhaaf deebisuudhaan dinqisiifatamaa jira.

Amma Abbaan maallaqichaas qarshii isaa fudhateera.

Wanti uumamees akkas ture. Jiraataan magaalaa Maqalee maqaan isaa Dassaalany Bisiraat jedhamu, hojii daldalaa irratti kan bobba'e yoo ta'u, Baajaajii gurguruun jiraata.

Sanbata darbe gara galgalaa ergaa tokkotu karaa mobaayilaan isa qaqqabe. Ergaan dhufeef kunis Baankii Internaashinaalii Anbassaarraati.

Innis 'Qarshiin miliyoonni tokko siif galeera' kan jedhu ture.

"Lakkoofsi Baankii Anbassaa haaraa ta'uu isaa yeroon hubadhu dogogora akka ta'en bare. Lakkoofsa herrega baankii biraa osoo ta'ee namatu naaf erge jedheen yaada ture.

Lakkoofsi herregaa sun haaraa waan ta'eef namoonni hedduun waan hin beekneef dogogoraniiti jedhaan Wixata ganama gara baankichaa deeme," jechuun haalicha ibsa.

Dogoggorri akkamiin uumamuu danda'ee?

Daldalaan Markaatoo maqaan isaanii akka hin dha'amne gaafatan tokko, haaluma waliigaltee lammii Chaayinaa tokko waliin qabaniin qarshii miliyoona tokko karaa nama gara biraatiin erguu qabu turan.

Lammiin Chaayinaa kunis maqaafi lakkoofsa akkaawuntii nama qarshiin ittiin ergamuuf itti kenna. Namni kunis akkuma jedhamanitti maallaqicha erguuf gara baankii Anbasaa deeman.

Wayita achi gahaniittis maqaafi lakkoosfi nama jedhamee kan wal fakkaatu ta'e hinargannee.

Namtichi maallaqa erguu kunis yaalii yeroo sanatti dhimmicha qulqulleeffachuuf taasiseen gara lammii Chaayinaa maallaqni ergmuufiitti bilbiluun haalicha itti hima.

Garuu lammiin Chaayinaa haala sardaa keessa turees ''Tarii ani maqaa dogongoreen ta'u mala, garuu lakkoofsi siriidha. Omaa miti galchii'' jedhaan. Qarshii miliyoonni tokkoos gara akkaawuntii obbo Dasaalanyiitti ergame.

Hojii gaggeessaan Baankii Anbassaa kan Damee Uraa'eel Obbo Madihaane Kiinda Maqaleerraa gara damee isaaniitti yoo bilbilamu, ''Tibba sanatti nuti kan dogongorree nutti fakkaatee ture'' jedhu.

Garuu ragaan qarshichi ittiin ergame yoo ilaalamu dogongora omaa hinqabu. Kanas nama maallaqicha ergeetti bilbiluun himu dubbatu. Namtichi qarshi ergees kana yoo dhagahan baayyee nahu ni yaadatu.

''Itti fayyadamiitii booda kan gaafatu yoo dhufe deebiiftaaf''

Haalicha kan dhagahan jaalalleewwan Obbo Dasaalanyi taatee kanaan baayyee dinqisiifatan. Wallakkaan waan gaari raawwattee naan jedha. Wallakkaan ammoo maal Dasaalanyi? kan jedhan turan.

''Baasiitee itti fayyadam. Callisii itti fayyadamiitii kan gaafatu yoo dhufe booda ni deebiifta'' kan jedhaniin akka turan ni dubbata.

Inni garuu ''deebiisuu yoo narra jiraate, yeroo deebiisuun qaba kanaafu hindhoksu jechuun deebiiseera,'' jedha.

Obbo Dasaalanyii kanaaf maal argatan?

Baankiin Anbassaa hojii gaarii raawwate kanaaf Obbo Dasaalanyiif xalayaa galataa kennuun, beekamtii akka kenneef Obbo Madihaaneen ni dubbatu.

''Gochi Obbo Dasaalanyi kan yaadamuun oliidha. Bara wanti hedduun badaa jiruu kanatti'' jechuun haalicha ibsaniiru.

Fayyadamtoonnis lakkoofsa akkaawuntii itti eerga sirrii ta'u, yoo danda'amee ammoo abbaa akkaawuntichaa hanga abbaatti osoo beekanii gaariidha jechuun gorsaniiru.