Jijjiirraa taphattootan maqaan Liingaard, Maadisan, Kawulibaalii, Eriksan, Poogba, Roodiriigeez ka'aa jira

Maxxanfame

Maanchister Yuunaayitid taphataa Leestar Siitii Jeems Maadisan kan ganna 23'f taphataa sarara jidduu Jeese Liingaard irra £45m kaa'uun gara kilabiisaatti fiduu barbaada.

Weest Haam Yuunaayitid taphataa Naapoolii lammii Seenegaal kan sarara ittisaarratti taphatu umurin isaa ganna 28 Kaaliidawu Kawulibaalii gara kilabiisaatti fiduuf Maanchister Siitii waliin morkii seenuu danda'u.

Weest Haam Yuunaayitid taphataa kilabii Beenifiikaa sarara jidduu Geedsan Farnaandeez ergisaan gara kilabii fiduuf kilabii Beenifiikaa waliin wal gahuuf karoorfateera.

Kilabiin Intar Miilaan taphataa sarara jidduu Tootanahaam Hootisfar kan ta'e Kiriistaan Eriksan yuuroo miiliyoona 20 ji'a kana keessa mallatteessiisuu barbaada. Taphataan lammii Deenmark, 27, kunis dhuma bara dorgommii kanarratti jijjiirraadhaaf bilisa ta'us Intar Miilaan dursee gara kilabichaa fiduu barbaada.

Maanchister Yuunaayitid hogganaa kilabii Intar Antooniyoo Koontee'tti taphataa sarara fulduraa lammii Argeentiinaa Laawutaaroo Martiineez osoo taphataan sarara jidduu lammii Faransaay Pool Poogbaa gara kilabii Saan Siiroo hin deemne kilabichatti fiduu akka barbaadu himeera.

Kilabiin Juuveentus waa'ee taphataa sarara ittisaa bitaa Eemersan mari'achuuf bakka bu'oota Cheelsii waliin wal qunnamee jira.

Hogganaan Evertan Kaarloo Anchilootii taphataa Riyaal Maadrid lammii Kolombiyaa Jeems Roodiriigeez, 28, ergisaan gara Goodisan Paark fiduu barbaadu.

Tootanahaam taphataa sarara jidduu lammii Argeentinaa Giiyoovaanii lo Kelsoo, 23, Riyaal Beetis ergisaan gara kilabichaa dhufe jijjiirraa taphattootaa ji'a Ammajiitiin Yuuroo miiliyoona 27 kilabicha keessa akka turuuf malleetteessisuuf yaadaniiru.

Kiristaal Paalaas taphataa sarara jidduu Evertan lammii Tarkii Seenk Toosun,28, ergisaan gara kilabichaa fiduuf.

Taphataan sarara ittisaa Arsenaal fi Jarman Shkoodraan Mustaafi, 27, dhuma ji'aarratti kilabii Piriimeer Liigii gad dhiisuu danda'a.

Hogganaan Leestar Bireendaan Roodjers oduu jijjiirraa taphataa sarara ittisaa Juuveentus fi Tarkii Maarih Deemiraal, 21, irratti adeemaa jiru dhugomsiuufi miti jechuun waan isaan rakkise fakkaata.

Hogganaan Barnleey Seen Dyiche taphattoonni kilabicha keessa jiran jijjiirraa taphattootaa ji'a Ammajii keessa taasifamurratti kilabicha gad dhiisan bahuun isaanii "waan hin fakkaannedha" jedhaniiru.

Tootanahaam taphataa sarara jidduu Riipaabilika Ayirlaand kan ta'e Tirooy Paarot, 17, kontiraat yeroo dheeraa ji'a dhufu mallatteessisuuf karoora qaba.

Liids Yuunaayitid kilabii Nootinghaam Foorast dursuun taphataa Saawuzhamptan Chee Adaams, 23, mallatteessisuuf jira.

Hogganaan Wolvis Nuunoo Ispiriitoo Saantoo taphataa lammii Xaayilaan kan ta'e Paatirik Kutiroonee,22, gurguruuf didanii turan.