Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan qorataa qaccee sanyii 'gulaaluun' daa'imni akka uumau taasise adabde
Saayintistiin lammii Chaayinaa qacceen sanyii sirreessuun yeroo jalqabaatiif daa'ima uume, hidhaa waggaa sadiin adabame.
Saayintistiin He Jiankui dhorkaa mootummaan kaa'e cabsuun miciree ilma namaarratti sirreeffama taasisuun akka dhukkuba HIV dandamatan godheera himannaa jedhuun itti murtaa'e.
Keessattuu tibba bu'aa qorannoo isaa daa'imman lakkuu irratti taasisee Sadaasa darbee ibseetti qeequmsa cimaatu isa mudatee ture.
Maddi Oduu Chaayinaa shinuwaan akka jedheetti, daa'imtii dura osoo hinmirkanaa'iin kan saddaffaan haaluma walfakkatuun dhalateera.
Biyya Chaayinaatti bulchaan mandara Guwaangidoongi jedhamtuu daa'imman hordoffii wallaansaa jala akka turan taasisuu isaa himaniiru.
Saayintistiin yakka dhala namaarratti raawwachuun isaatiif hidhaan waggaa sadii itti murtaa'ee kunis dabalataan Dolaara 430,000 akka kaffaluuf adabameera.
Haaluma walfakaatuunis manni murtichaa namoota wayita saayintisittin kun qorannoo kana gaggeesseetti isa waliin ta'aniiru jedhaman lamarrattis adabbii gadaanaa murteessera.
Manni murtii bakka Shaanshii jedhamutti dhaddachaasaa gaggeesse kunis, tibba murtee dabarseetti akka jedheetti, ''namoonni kunneen maqaafi kabaja dhuunfaa isaanitiif jecha naamusa wallaansaa cabsaniiru.''
''Isaanis naamusa qorannoo saaynsiifi walaansaa keessatti sarara dhumaa darbaniiru,'' jeedhaniiru.
Bara darbee maaltu ta'e?
Qorataan kun waggaa darbe daa'imman lama maqaan isaanii Luulaafi Naanaa jedhaman qacceen sanyii isaanii sirreeffamerraa uumaman dhalachuu viidiyoodhaan gadhiisee ture.
Qoratichis waa'ee qo'annoo isaa yoo dubbatu, ''Hojiin koo kan wal nama gaafachiisu ta'uun nan hubadha. Garuu maatiin tekinoolojii kana akka jaallatan nan amana. Isaan irraa qeequmsa fudhachuufis qophaa'oodha,'' jedhee ture.
Erga viidiiyoon sun ifa bahee boodas hawaasa saayintistootaafi hawaasa Chaayinaa biyya keessaafi addunyaa guutuu irraa qeeqeemsii hamaan irratti dhiyaachaa tureera.
Isaan boodas motummaan Chaayinaa qorataa kana poolisiin akka qoratamuufi hojii qorannoo isaa akka dhaabu taasiseera.
Akkasumas Yunivasitii Saayinsiifi tekinooloojii Kibbaa Sheenziin jedhamu duraan keessatti barsiisaa turaa irraas ni harii'atame.
Saayinsiin Akaadaamii Chaayinaas gocha nama kanaa "cimseen morma" jechuun gocha qaccee sanyii ilma namaa balaaleeffatee ture.