Gareen cimaa torban kanaa taphattoota kamirraa ijaaramee?

Madda suuraa, Reuters
Piriimer Liigiin Ingilizii dhum-torbee kana gaggeeffameen Liiverpuul Woolviiziin 1-0 mo'achuun ammallee garaa garummaa qabxii 13 dursuu isaa mirkaneeffateera.
Goolii tokkitti Liiverpuul lakkoofsise kana kan galche taphataa beekamaa Senegaal Saadiyoo Maaneedha.
Gooliin kun jalqabarratti mormii kaasiftee kan turte yoo ta'u dhuma irratti murtii viidiyoo irra deebiyanii ilaaluutiin (VAR) fayyadamuun Liiverpuuliif murtoofteetti.
Gooliin Maanee kun harkaan Lalanaatu isaaf kennee jennaan lakkoosfise kan jedhu ture.
Yeroo irra deebiin ilaalamu garuu harkaan osoo hin taane qoleen ture taphataan kun kan Maaneef kenne.
Taphataa isaa duraanii Mikeel Arteettaa leenjisaa godhatee kan qacarate Arsenaal ammallee mo'achuu hin dandeenye. Chelsii waliin taphatee 2-1n mo'ameera.
Boqonnaa dura Arsenaal goolii Emriik Abuumaayaang galcheen dursee ture.
Arsenaal tapha boqonnaa duraanisiitiin Cheslii baayyee caalee ture garuu booda leenjisaan Chelsii Firaank Laampaard taaktika jijjiiruun injifachuu danda'eera.
Arsenaal amma sadrkaa Piriimer Liigii sadarkaa 12 irra jira.
Maanchester Siitiin, Shefiild Yunaayitidiin 2-0 mo'ateera.
Tapha tokko osoo isa hafuu Liivarpuul qabxii 55 tuullatee kan lamaffaarra jiru Leester Sitiirraa ammoo qabxii 13 fagaatee duraa jira.
Maanchester Siitii, Chelsii, Maanchester Yunaayitidfi Tootinhaam duraafi duubaan sadaffaarraa hanga jahaffaa qabataniiru.
Kilaba cimaa torban kanaa
Tapha torban darbe kana garaa garummaa guyyoota afur keessatti tokkoon tokkoo kilaboota Piriimer Liigiin taphatame kanaan Gaareez Kiruuks akkuma yeroo kaanii taphattoota ciccimoo walitti funaanuu kilaba cimaa ijaareera.
Kilabni cimaan taphattoota ciccimoo kilaboota gara garaaf sarara gara garaarra taphataniin ogeessi kubbaa miilaa ijaare kun afur-sadii-sadiin kan ijrramedha.
Kilaba cimaa Gaareez kanaaf Maacnhester Yunaayitidiifi Everten tokkoo tokkoon isaanii taphattoota lama lama gumaachaniiru.
Taphataa kilaba cimaa kanaaf karra eegu Waatfoord kan gumaache yoo ta'u Been Foosteritu filatame.
Haaluma kanaan sarara ittisaarratti Tireent Aleksaandar-Arnoold Liiverpuulirraa, Harii Magu'irii Maanchester Yunaayitidirraa, Jams Toomkiins Kiristaal Palaasirraa, Maasoon Holgaat ammoo Everteen irraa waliitti dhufaniiru.
Taphattoota sara gidduuf ammoo Adaam Tiraa'oree Woolviis irraa, Jorgiinhoon Chelsiirraa, Keviin de Biruunee ammoo MNanchester Siitiirraa filatamaniiru.
Akka filannoo Gaarezitti Dominiik Kaalvert Evertenirraa, Harii Keen Tootinhaamirraa, Antooniyoo Maarshaal ammoo Maanchester Yunaayitidirraa filatamaniiru.














