Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Intalli maarshaal artistii Biruus Lii beenyaa birrii miiliyoona 950 ol gaafatte
Dhaabbanni intala Biruus Liin hoogganamu dhaabbata Chaayinaa nyaata dafee qaqqabu qopheessuuufi suuraa abbaashee maarshaal artiisti beekamaa ta'e fayyadamuu isaatin himachaa jira.
Dhaabbanni nyaata dhiheessuufi Riil Kungufuu jedhamu suuraa abbaa koo eeyyama malee fayyadamee jetteetti Shaanoon Liin.
Kanaafis, dhaabbatichi suuraa abbaa ishee fayyadamaa jiru akka dhaabu gaafatteetti.
Waan hanga yoonaa itti fayyadameefis dolaara miiliyoona 30 [birrii Itoophiyaa miliyoona 950 ol] gaafachuun ishee gabaafameera.
''Mallattoo daldalaa kana qorannoo booda eejansiin biyyaalessaa dhimma kana eeyyamu irraa arganne. Waggoota 15 darbanif fayyadamaa turre,'' jechuun kaampaanichi ibsa baasen himeera.
Waggaa hammana booda gaafatamuun keenya nu ajaa'ibeera jedheera.
Manni nyaataa yookiin restoraantiin bu'uurri isaa Guwaanzhuu ta'e kuni Afaan Mandariinin Zheen Gonfu jedhama. Bara 1990 kan hundaa'e yoo ta'u Chaayinaa keessaa manneen nyaataa 600 qaba.
Intarpiraayiziin Biruus Lii kan intala isaatiin hoogganamu yoo ta'u itti fayyadamaafi gurgurtaa suuraa maarshaal artistii Biruus Lii irratti abbummaa qaba.
Dhiheenyatti mootummaan Chaayinaa mirga abbeentaaf xiyyeeffannoo akka kennu waan ibseef waan amma ta'aa jiru itti dhiheneyaan hordofa jedhame eegama.