Paartiin Dimokiraasii Haqaa Uummata Affaar MADRAK'tti makame

Maxxanfame

Hooggantootni Paartii Dimokiraasii Haqaa Uummata Affaar MADRAK'tti makamuu isaa hoggantoota gamtichaa walin sanada waliigaltee mallatteessuun mirkaneesseera.

Paartin Dimokiraasii Haqaa Ummata Affaar dhiyeenya kana Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa beekkamtii argachuunsaas himameera.

Dura Taa'aan paartichaa Obbo Mahaammad Daawud bara 1996tti Boordii Filannoof iyyata galfatanille beekkamtii dhorkamuu isaanii himan.

Kanaafis qabsoo nagaa gaggeessuu hin dandeenye ture jedhan.

Gamtaa MADRAKitti makamuun Paartii Dimokiraasii Haqaa Ummata Affaar gamtichaaf humna dabalataa akka ta'u hooggansi MADRAK himaniiru.

Dhaabileen siyaasaa biroos MADRAK walin akka hojjetaniif Dura Taa'aan MADRAK Piroofeesar Mararaan Guddinaa waamicha dhiyeessaniiru.

MADRAK waggoota kudhanii olif socho'aa akka ture kan himan dura taa'aan gamtichaa "Madrak yeroo hundaa'u paartilee saddetu walitti dhufe ture. Amma garuu paartilee afur qofadha" jedhan.

Oduu kanatti dhiyaatan biroo:

Paartii afur taanee filannoo bara 2007 irratti hirmaanne ture. Haa ta'u malee hanna sagalee mootummaan raawwaten paarlamaa osoo hin seenin hafnes jedhan.

Filannoo 2012...

"Filannoof yeroon amma caalaa mijataa ta'e ni jira jennee hin yaadnu. Filannoo dheeressunis faayidaa qaba jennee hin yaadnu" kan jedhan Pirof. Mararaan waajjiraalee banuufi mariiwwan adeemsisuun filannichaaf qophaa'aa akka jiran himan.

Yeroo ammaattis waajjiraalee dhibba tokkoo ol akka qaban himan.

Gaaddisa hooggansa Oromoo keessattis dammaqinaan hirmaachaa jirra jedhan.

"Filannoo itti aanutti sagalee hatuun waan salphaa hin ta'u" kan jedhan Proofeesar Mararaan qalbii uummatichaas filannoorra gochuun akka barbaachisus himan.