Zimbaabuwee: Haati-warraa Pirezedantii Itti-aanaa abbaa warraashee ajjeesuu yaaluun himatamte

Maxxanfame

Haati-warraa Pirezedantii Itti-aanaa Zimbaabuwee Aadde Marii Mubaa'iwaa abbaa warraa ishee ajjeesuu yaaluun himatamte Wiixata mana murtii Haraareetti dhiyaatte.

Aadde Mariin yaalii ajjeechaa abbaa warraa isheerratti taasifte jedhu kanaan osoo hin himatamiin duras yakka malaamaltummaan himatamtee turte.

Isheen garuu himannaa yaalii abbaa warraa ishee ajjeesuus ta'u malaammaltummaa ittiin himatamte waakkatteetti.

Abokaatonni akka jedhanitti dubartiin kun abbaa warraa ishee Jeneraal Qonistaatinoo Chiwengaan yeroo Afirikaa Kibbaatti wallaanamaa jiranitti ture kan ajjeesuuf yaalte.

Jeneraal Chiwengaan pirezedantii duraanii Zimbaabuwee Rooberti Mugaabee bara 2017 akka aangoorraa bu'uuf ga'uu guddaa akka taphatan himama.

Jeneraalichi akka himatanitti, ji'a dura yeroo Afirikaa Kibbaatti wallaansarra turan akka hin yaalamneef dhowwuu yaalteetti Aadde Mubaa'iwaan. Jeneraalichi hospitaala Piritooriyaatti akka wallaansa argataniif yeroo geeffamanitti, haati warraa isaa kun giluukoosii irraa buqqisteetti jedhame.

Jeneraal Chiwengaa isaan booda wallaansa ji'a afuriif Chaayinaa turanii ji'a darbe deebiyan.

Aadde Muba'iwaan yeroo ammaa kana mirga wabiillee dhorkamtee mana hidhaa jirti.

Sanbata darbe yeroo to'annaa jala oolfamte, Poolisiin akka jedhetti Aadde Mubaa'iwaan yakka maallaqa seeraan ala daddabasruu Dolaara Miliyoona tokkottti tilmaamamu himatanmtee turte.

Gabaasaan BBC Afirikaa Andiriiwu Haardiing akka jedhutti dhimmi himannaa kun bifa beektonniifi gaggeessitoonni biyya tokko keessa jiran shirawwan ajjeechaafi summii waliif kennuutiin wal himatamu keessatti kan ilaalamudha.

Zimbaabuween ar'allee rakkoo qaala'insa jireenyaa hamaa, hanqina humna ibsaafi beela guddaan raafamaa jirti.