Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Amb Shifarraa Jaarsoo: 'MM Sudaan waan lammiilee Itoophiyaa irratti raawwate hin dhaabsifna jedhan'
Tibbana lammiilee Itoophiyaa biyya Sudaan jiraataniifi hojiiwwan adda addaa hojjechuun jiraatan seera haaraa bahe jedhameen hidhaa kan seenan akka jiran BBC'tti himan.
Dhimma kana quba qabaachuu isaanii kan gaafanne Sudaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraa Jaarsoo quba akka qabaniifi akka furamuf dalagaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Kanaafis, guyyaa kaleessaa Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook waliin akka mari'ataniifi isaaniis 'wanti raawwate sirrii akka hin taane' akka itti himan dubbatan.
Odeeffannoo hanga ammaa qabaniin lammiileen Itoophiyaa '71 -100' ta'an akka hidhaa seenan' himaniiru.
''Akka dhaabbatu waliigalle. Itti deemamaa jira. Dhaabanii jiru ammaa qabellee'' jechuun guutummaan guututti dhaabatu baatus akka furamu abdii akka qaban BBC'tti himaniiru.
Lammiin Itoophiyaa magaalaa Kaartum jiraatu Yihedagoo Abbaay jedhamu durumaa lammiilee Itophiyaafis tahe Eertiraaf waraqaan eenyummaa yeroo kennamu hojii akka hin hojjenne kan jedhu duuba irraan barreeffama qaba jedha.
Kun durumaa ture kan jedhu dargaggoon kuni erga bulchinsi amma aangorra jiru dhufe as garuu lammiin alaa kamiyyuu hojii tasuma akka hin hojjenne kan jedhu seera baase jedha.
Lammiilee Itoophiyaa alatti kan Eertiraallee hidhaa bu'aniiru.
Sababa hidhaan eegale
Dhihoo mootummaan Sudaan seera ''hojiiwwan xixiqqoo dhalataa Sudaan kan hin taane akka hin hojjenne'' kan jedhu baasu isaanii himu Ambaasaaddar Shifarraan.
Kanaanis, ''guyyaa tokkotti walitti qabani qarshii Sudaan kuma 50 adabani. Kunimmo baay'ee itti ulfaata. Jireenyi ulfaataa waan ta'ef,'' jedhan.
Kanneen hidhaman keessaa kan Bixaaqaa - jiraachuuf waraqaa ragaa kennamu, qabanillee ni jiru.
Kanaaf kuni sirrii akka hin taane komii mootummaa Sudaanif dhiheessine kan jedhan Ambaasaaddar Shifarraa, MM Sudaan ''Wanti ta'e sirrii miti. Kana ni dhaabsifna,'' jechuu isaanii himu.
''Warri hojii xixiqqaa hojjetu hin hidhamne ammallee. Warra hojii humnaa hojjetaa jiran hidhani,'' jedhan Ambaasaaddar Shifarraan.
Lammiileen biyyoota garaa garaa kan Itoophiyaas dabalatee biyya Sudaan keessatti yeroo hidhaman kuni kan duraa miti.
Ta'us ''haalli barana godhan badaadha,'' kan jedhan Ambaasaaddar Shifarraan, seerri hundaaf bahe jechuun lammiilee Itoophiyaa addatti kan hube akka hin taane ibsu.
Kanneen hidhaman hiiksisneerra kan jedhan Ambaasaaddarichi, kanneen mana murtiitti dhihaatan garuu mootummaan hanga dhiifamaan gadhiisuti eegaa jirra jedhan.
Otuma ta'es dursanii mootummaa Itoophiyaa waliin mari'atame ta'uu qaba kan jedhan Ambaasaaddar Shifarraan ''kanaan achi kan rakkina guddaa fidudha,'' jedhu.
Biyyi Sudaan namni eeyyama malee keessa jiraatudha jechuun kan ibsan qondaalli Itoophiyaa kuni ummanni Itoophiyaa tilmaamaan miiliyoona 1.5 - 2 kan ta'u keessa jiraata jedhu.
Shakkii Itoophiyaa
Erga bulchiinsi Pirezidant Omar Hasan al - Bashir waggoota dheeraaf aangoorra ture aangoorraa kaafamee booda biyyattiin mana maree waraanaafi siviliin bulaa jirti.
Bulchiinsi MM Abdallaa Hamdookin durfamu paartii al - Bashir diiguu dabalatee murteewwan kaan dabarseera.
Hidhaa tibbanaas, tarii, humnoota bulchiinsa amma aangoorra jiru mormuun akka raawwate shakku Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo.
''Sudaan jijjiiramarra jirti. Warri jijjiirama kana hin jaalanne wanta godhani,'' jedhan.
Gama kaaniin, garuu biyyattiin rakkoo diinagdee keessa akka jirtu qondaaltonni himaniiru.
Kanaan ala baqattoonni imbaasiin nu gargaaraa hin jiru isa jedhanif deebii kan gaafanne Ambaasaaddar Shifarraan, hojjetaa akka jiraniifi ''hidhaa nutu dhaabsise'' jedhan.
Sudaan erga al - Bashir aangoorraa bu'an booda waligalteen qaamota garaa garaa gidduutti akka raawwatu gahee olaanaa baateetti.