Loyaangalaanii, Keeniyaa: Festivaala Aadaa Marsabit-Turkaanaa suuraaleen

Maxxanfame

Festivaalli Aadaa Marsabit-Haroo Turkaanaa wagga waggaan kabajamu yeroo 12ffaaf Kaawuntii Marsabit, bakka Looyaangalaanii jedhamutti kabajamaa jira.

Festivaalli kun hawaasa yookaan gosoota Kaawuntii Marsabit keessa jiran 14 tahan walitti fida.

Gosoota kanneen keessaa: Boorana, Gabra, Rendile, Burjii, Saamburuu, El moloo, Turkaanaa, Somaalee, Saakuyyee, Daassanach, Waataa, Garrii, fi Konsoodha.

Gosti Elmoloo hawaasa Keeniyaa jiran keessaa lakkoofsaan isa xiqqaadha - ganna kudhaniin dura lakkoofsa galmaaween, lakkoofsi gosa kanaa 3,000'n gadi ture.

Gaazexeessaan BBC Yaadataa Birhaanuu festivaala kanarratti kan argamu yoo tahu, suuraalee babbareeddoo kanneen nuuf ergeera. Dhiyaadhaa.