'Jajaja, 55555, kkkkk': Afaan birootiin akkamiin kolfama?

Madda suuraa, Getty Images
Isa kam barreesuun isiniif salphata: "haha" ykn "Ajaa'iba, bayyee nama kofalchiisa, kolfee dhaabuun dadhabe!"?
Namootni hedduun yeroo ergaa barreefamaa bilbilaan erganitti yeroos ta'e mallaqaa isaanii fixuu akka hin barbaanne dhugaa addunyaan itti walii galuudha.
Namootni addunyaa hedduu jechoota sagalee bakka bu'uu danda'an kan fayyadaman kanaafi.
Kolfii afaan addunyaadha jedhama mitii? Garuu, kun guutummaatti dhugaa miti.
Yeroo kolfinu sagalee wal fakkaatu dhageessisuu dandeenya, akkataa nuti sagalee sana bareessinu garuu iddoo hedduutti garaa garadha.
1. Haha
Akka Kuusaan jechoota Afaan Ingiliffaa Oksifoord (Oxford English Dictionary) jedhutti barreefama afaan Ingiliffaa keessatti kolfa ibsuuf karaan sirriin itti fayyadamnu ha ha ykn Ha ha ha ta'uu qaba.
Garuu akkuma beeknu, ergaa barreefama erguun waa'ee ariitii fi wantoota salphiisuudha - kanaaf yeroo hedduu ergaa haha jedhu kan ergunuufi argannu.
2. Kkkkkk

Madda suuraa, Getty Images
Afaan Porchuugaal ykn Kooriyaatiin kolfa ibsuu yoo barbaadde kkkkkk fayyadamuutu mala.
Namootni Afaan Poorchugaal dubbatan sagalee kolfaa ibsuuf qubee k, afaan isaaniin sagalee kaa qabu fayyadamu.
Namootni tokko tokko garuu rsrsrs akka gabaaje jecha risos (kolfa) ta'etti ni fayyadamu
Afaan Kooriyaas afaan Poorchugaal waliin wanta wal fakkaatu badaa hin qabu, yeroo dubbii kolfaa ykn ㅋㅋㅋㅋㅋㅋ ta'u malee.
Qubeen k ykn ㅋ afaan Kooriyaan yeroo dubbifamu sagalee kolfaan wal fakkaatu uuma.
3. Xaxaxa
Giriik keessatti, barreefamaan kolfa keessan ibsachuu yoo barbaaddan hahaha ykn kkkkkk fayyadamuu hin yaadinaa.... barreefamni xaxaxa sagalee isin yaaddan kan ibsu ta'a.
4. Olololo

Madda suuraa, Getty Images
Tasa Raashiyaa keessaatti kolfa barreessuuf - qubeewwan afaanota 50 kan akka Salavik, Turkik fi Parzhiyaan - yoo fayyadamtan waan xaxaxa fakkaatu uuma.
Yoo isa sirrii ta'e fayydamuu barbaaddan garuu Olololo (ykn олололо) fayyadamuun ni danda'ama.
5. Kiekie
Afaan Lingaalaa - kan DR Koongoo fi biyyooti ollaa keessatti namoota miiliyoona saddeeti oliin haasa'amuun sagalaan kolfaa barreefamaan yeroo ibsachuu barbaadu dandeessu.
Yoos ammoo, kiekie ykn ammoo yoo garmaalee kolfaan of wallaaltan kiekiekie jettanii barreessuu wanti caaluu hin jiru.
6. Jajaja

Madda suuraa, Getty Images
Afaan Ispaanish keessatti kolfaa ibsuuf seeraan yoo barreessuu feeta 'Ja ja ja' fayyadamaa, namootni hedduun garuu jajaja yoogarmalee kolfan ammoo jajajajaaaa fayyadamu.
Yoo feetan ammoo kolfa dubbiif jejeje fayyadamuu, sirritti kolfuu ibsuuf jijiji ykn ammoo wanta isin ajaa'ibsiise isn kofalchiiseef jojojo fayyadamuu dandeessu
7. mdr
Kun akka ibsannaa kolfaa kaani miti. Afaan Fireenchi keessatti kolfa ibsachuuf hahaha ni barreefama.... namootni Fireench dubbatan garuu mdr fayyadamuu filatu.
Maaliif? Hima mort de rire (kolfaanan du'e0 jedhuuf gabaajeedha, akkasumas ariitiif fayyada.
8. lwkmd

Madda suuraa, Getty Images
Naayjeeriyaa keessattis gabaajee fayyadamuu filatu- waan gababaa ta'eef osoo hin taane sirriti of ibsachuufi.
Lwkmd gabaaje hima Afaan pijiin Ingiliffaa laugh wan kill me die hiikisa wanti kun kolfaan na ajjeesse jedhudha.
9. 555555
Hiriyyaa keessan lammii Taayilaan irraa ergaa barreefamaa lakkoofsa 5 walitti anu yoo argattan yeroo gaarii qabaachuuf qophaa'aa: Taayilaand keessatti 555555 sagalee kolfaa bakka bu'a.
Afaan Taay nannoo Kibba bahaa Eeshiyaa, kibba Chaayinaa fi kaaba-baha Indiyaa keessatti namoota miiliyoona 93 ta'aniin haasa'ama.
555555 walitti aansanii bareessuun kolfa ibsa, sababiin isaa lakkoofsi 5 afaan Taayiin yeroo dubbifamu sagalee 'ha' jedhuun wal fakkaata.
Yoo Chaayinaa keessa jirtu ta'e garuu, of eegadhaa! Achitti lakkoofsi 5 sagalee 'wu' jedhuun dubbifama, sagaleen kun akka sagalee boo'ichaatti ilaalama, kanaaf 555555 kan jedhu boo'icha guddaa kan jedhutti hiikamuu danda'a.
10. H

Madda suuraa, Getty Images
Qubeen afaan Arabaa kan afaan Laatinitti aanee qubee addunyaa irratti bal'inaan fayyadamamu isa lammaffaadha.
One particularity of the Arabic alphabet is that it's an abjad, meaning it only uses consonants. Hence, there is no a in their ha.
Sirna barreefama qubee Arabiffaa keessa tokko, abjaad kan qubee dubbifamaa qofa fayyadamudha. Kana jechuun ha yeroo fayyadaman a hin galu.
Kanaaf hhhhhh ykn ههههه fayyadamuun kolfaa.
11. Www
Jaappaan keessatti jechi kolfaa warai ykn 笑い dha
Xiqqoo seequu ibsuuf www, garmaalee waan isin kofalchiiseef ammoo wwwww fayyadamuu dandeessu.
12. Ha3

Madda suuraa, Getty Images
Maaleesiyaa keessatti bareeffama kolfaa sadarkaa biratti geessaniiru.
Seequuf : Ha
Baayyee kolfuuf: Ha3 (kana jechuun hahaha = ha x 3 = ha3)
13. Ahahah
Afaan Xaaliyaaniin qubeen h sagalee hin qabu, garuu humna sagalee dubbachiiftu bira jiru geeddaruu qaba.
Kanaaf barreefama kana keessatti qubee h qubee a booda fayyadamuun waa malee miti - kun jecha qabaachu kan yeroo barreefamu ha ta'ee waliin akka wal hin fakkaanneefi.
14. høhøhø
Noorweey keessatti ammoo akkamiin kofaltuu? Dhugaa dubbachuuf namootni hedduu hahaha fayyadamu.
Garuu namootni biroon adda ta'uuf høhøhø fayyadamu... kaan afaan Deenish irraatti hundaa'uun hæhæhæ (hehehe wajjin walitti siqa) ni fayyadamu.

Madda suuraa, Getty Images















