Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zimbaabween doolaara mataashee waggaa kudhan keessatti maxxansite
Zimbaabween hojii doolaara haaraa maxxansuu bara 2009 eegalte waggaa kudhan booda doolaara mataashee akka maxxansite ifa gooteetti.
Lammiileen biyyattiis maallaqa haarawa kana baankiidhaa baafachuuf jecha baankiiwwan dura hiriiraanii eeggataa jiru.
Doolarri Zimbaabwee kun waggaa kudhan dura kan hin maxxanfamneef sababa qaala'iinsa gabaa guyya guyyaan dabalaa tureefi.
Baankiin giddu galeessaa Zimbaabweee akka jedhutti maallaqi haaraa maxxanfame kun hanqina maallaqaa biyyattii ni fura.
Zimbaabween kufaatii diinagdee hammaataa keessa jirtu keessaa dandamachuuf kun tarkaanfii abdachiisaadhas jedheera.
Yeroo ammaa Zimbaabwee keessatti qaala'iinsi gabaa harka 300n dabalee jiraachuu kan ibsu baankiin giddu galeessaa biyyattii doolaarri haaraan goolama diinagdee biraa akka hin fidneef mala dhawuu eereera.
Baankiin Kuusaa maallaqaa Zimbaabwee akka jedhutti doolaarri abbaa noottii lamaa fi shanii biyyattiin amma maxxansite kun gonkumaa dhiyeessii maallaqaa hin dabalu, garuu kan kanaan dura ture bakka bu'a.
Zimbaabween maaliif maallaqa mataashee dhabde?
Zimbaabween erga bara 2009 maallaqa mataashee bocuu eegaltee as doolaara Ameerikaa, Raandii Afriikaa Kibbaa,akkasumas maallaqa biyyoota alaa fayyadamaa turte.
Garuu erga hojii maallaqa mataashee bocuu eegaltee as maallaqa biyyoota alaa dhiisuun doolaara mataasheetti fayyadamuuf ifaajaa turte.
Bara 2016 keessa mootummaan Zimbaabwee boondii fi saantima biyyasaa kan doolaara Ameerikaa bakka bu'u maxxansee ture.
Garuu maallaqi oomishame doolaara Ameerikaa bakka bu'a jedhee kan amane hin turre.
Gatiin doolaara Ameerikaa fi maallaqa Zimbaabween oomishtee sun gabaa gurraacha (black market) irratti baay'ee waan wal caaluuf lammiileen biyyattii doolaara Ameerikaa malee fayyadamuu didan.
Waxabajjii darbe keessa mootummaa itti fayyadama doolaara Ameerikaa fi maallaqa biyyoota alaa dhorkee ture.