Neezarlaand: Paayiletiin ergaa akeekkachiisaa butamuu dabarse yaaddoo nageenyaa uume

Akeekachiisni xiyaarri butamuuf jedhu darbe sun buufanni xiyyaaraa gariin akka cufamu taasiseera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Akeekachiisni xiyaarri butamuuf jedhu darbe sun buufanni xiyyaaraa gariin akka cufamu taasiseera
Maxxanfame

Paayiletiin tokko xiyaara keessatti akka tasaa ergaa akeekkachiisaa xiyyaarri butamuuf jira jedhu dabarsuun yaaddoo nageenyaa guddaa uumuun namoota rifaasise.

Kun kan ta'e magaalaa biyya Neezarlaand magaalaa Amistardaamitti buufata Xiyyaaraa Shiiphool keessatti.

Poolisiin Daach akka saatii 19:30 irratti ergaa Tiwiiteraan dabarsetti "dubbii shakkii nageenyaa" uume kana qorataa jirra, jedhe.

Akkuma paayileetichi akeekkachiisa xiyyaarri butamee dabarseen poolisoonni deebii ergaa akeekkachiisaa sanaaf jecha buufata xiyyaaraa cufan.

Buufanni xiyyaaraa haalli kun keessatti uumame ardii Awurooppaa keessatti buufata xiyyaaraa imaltoota beeyyuu keessummeessuun isa guddaa ta'edha.

Haata'u malee, akeekkachiisni ture sun darbee saatii tokkoon booda, Eer Yurooppaan paayileetichi dogoggoraan ergaa akeekkachiisaa sana akka dabarse beeksise.

"Akeekkachiisa sobaadha. Sagantaa balali'insaa Amastardamii-Maadiriiditti waaree booda qabameef siistemiin yeroo xiyyaarri bufamuuf jedhu ergaa akeekkachiisaa dabarsu dogoggoraan tolfamee taa'eera," jechuun daandiin xiyyaarichaa Tiwiitera isaarratti barreesseera.

"Wanti uumame hin jiru, imaltoonni hundinuu nagaafi tasagabbiidhaan jiru. Amma balali'uudhaaf eeggachaa jiru. Nuti dhiifama guddoo isin gaafanna."

Beeksisa isaanii kanaan yeroo muraasa dura, poolisiin Daach imaltoonniifi hojjetoonni hundinuu xiyyaara gara Maadiriiditti imaluuf ture koranii turan nagaan akka bahan taasifamee ture jedheera.

Suuraawwan miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfaman akka agarsiisanitti buufata xiyyaaraa sana keessa namoonni hedduu waliti qabamanii waan ta'erratti odeeffannoo eeggachaa jiru.

Imaltoonni buufta xiyaaraa amstardaam keessa dhaabatanii waan uumame baruuf eegaa jiran

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Imaltoonni buufta xiyaaraa amstardaam keessa dhaabatanii waan uumame baruuf eegaa jiran

Yeroo wanti kun ta'aa jirutti kutaan karaa biraa buufata xiyyaarichaa xiyyaaronni galan akka bu'an keessumsiisaa ture.

Haata'u malee, jeequmsi uumame kun tajaajilawwan yeroo atattamaa birrachuu isaaniirraa kan ka'e, daandiin balali'uu gariin cufamanii ture.

Roobeertoo Kareeraa nama umuriin isaa waggaa 38 ta'edha. Yeroo rifaatiin buufata xiyyaaraa kana keessatti uumamee namoonni kan godhan wallaalanii jiran saatii 19:45 irratti qubate.

"Paayiletiin rakkoon uumame jiraachuu mala jechuun nu beeksise," jechuun BBC'tti bilbilaan himan.

Obba Kareeraan akka jedhanitti, inniifi imaltoonni balalii Dubliin irraa dhufaa jiru keessa kan turan yoo ta'u, osoo xiyaara keessaa hin bu'iin saatii tokkoof akka dhorkaman dubbata.

Taateen uumame sun aanga'oota Daachiin akka haala GRIP-3tti ramadameera. Kana jechuun ammoo rakkoo ykn taatee hamaa ummata naannoo sanaarra miidhaa cimaa qaqqabsiisu akka jechuuti.

Buufanni xiyyaaraa Amastardaam kun Awurooppaa keessatti warra gurguddoo ta'an keessaa tokko yoo ta'u waggaa keessatti imaltoota miliyoona 70 ol tajaajila.