Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Finfinnee: Boolee Bulbulaa, Laaftoofi Aqaaqqiitti maaltu mudate?
Dhuma torban darbeefi guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinnee bakkeewwan adda addaatti rakkoowwan nageenyaa mul'atanii turan.
Magaalaa Finfinnee Boolee Bulbulaa, Aqaaqii akkasumas Laaftootti rakkoo mul'aten lubbuun darbe hanga ammaa jiraatu baatus kanneen mada'aan akka jiraatan odeeffanneerra.
Walitti bu'iinsa kaleessa Boolee Bulbulaatti dhaqqabeen namoota 14 akka miidhaman qondaalli motummaa BBC'tti himaniiru.
Boolee Bulbulaa
Jiraataa kutaa Magaalaa Boolee naannoo Bulbulaa ta'uu kan himu dargaggoo Shibbiruu Mulaatuu, ka'umsi rakkoo naannoo Bulbulaa dilbata ganama naannoo sa'aatii tokkoo fi walakkaati jedha.
"Dargaggoonni hedduun konkolaataa suuraa Miniliik maxxanfateen asiifii achi deemaa turan. T-shirt isaan uffatan irrattis suuraa minilikii fi barreeffama 'Nafxanyaa ye afrikaa kuraat' jedhu qabu" jedha
Ganama namootuma walgahii deemanidha jennee ilaallee bira darbinee gara dhimma keenyaa kunne kan jedhu dargaggoon kun, booda yeroo deebinu konkolaattonnis dabalanii dhaadannoowwan adda addaa jiraachuus hima.
"Booda yeroo deebinu konkolaatonni baay'inaan darbaa turan. Konkolaataa tokkorratti inumaa barreefama 'Amaaraan gurmaa'ee seenaa abboota isaa ni deeffata yookan irra deebi'a' kan jedhufaa dubbisaa turre" jedha.
Namoonni gurmaa'an kunneen galma keessatti walgahanii mari'achaa turuufi kan isaan mariisisaa tures namoota bulchiinsa gandaa keessa jiran ta'uus hima.
Kaleessa ganama yeroo hojii deemnus haaluma walfakkaatutu mul'achaa turuu fi boodarra gara jeequmsaatti akka ce'es dubbata dargaggoon kuni.
Finfinnee Kutaa magaalaa Booleetti itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa 12 Obbo Qorichoo Botee, rakkoon kuni Sambata darbe guddatee haa bahu malee erga jalqabamee torban darbeera jedhu.
"Dargaggoonni Amaaraa walgahii guddaa akka kutaa magaala Booleetti aanaa keenyatti adeemsisuuf sanbata darbetti qabatanii ture. Walgahichis kaayyoonsaa kan nagaa fi misoomaa osoo hin taane waan biraati. Kanaaf akka hin taa'amne kallattiin taa'ee ture," jedhu.
Dargaggoonni kunneen garuu sanbata darbetti lakkoofsa guddaadhaan walgahicha gaggeessuuf waan bahaniif jecha dhorkuun dubbii hammeessa jennee itti dhiifnee akka walgahicha gaggeeffatan ta'e jedhu.
"Rakkoon kan ture walgahicha taa'uu isaanii osoo hin taane uffannaan isaaniis gaarii hin turre, alaabaan isaan qabatanis kan duriiti, dhaadannoon isaaniis waan nafxanyaa faarsu qaba suuraa minilikis ni qaba," jedhu obbo Qorichoon.
Konkolaattota gurguddoo jahaa fi konkolaattota xixiqqaa jaha tana guutanii akka jiranis ni himu. Tilmaamaan dargaggoonni kunneen hanga nama 300 olii ni tahas jedhan.
Warruma kanatu sanbata miilanaa kanas deebi'uudhaan wal ijaaranii naannoo kanatti sirbaa turanis jedhu.
Jeequmsi kaleessaa akka uumamu kan godhe ammoo hojjettuu waajjiraa kan gocha kana keessatti hirmaachaa turteeni jechuun dubbatu.
"Kaleessa ganama hojjettuu waajjira aanaa 12 kan taate dubartii tokkotu uffata dargaggoonni Amaaraa uffachaa turan kan 'Nafxanyaan kabaja Afrikaati' jedhuu fi suuraa minilik qabu uffattee hojii dhufte," jedhan.
Yeroo sanatti abbootiin dhimmaa fi hojjettonni sabaan Oromoo ta'an 'akkamitti kana uffattee waajjira dhufta?' jechuudhaan jeequmsichi babal'achuus himan.
Dargaggoonni Oromoo baayinaan yaa'anii dhufanii gareen dargaggootni Amaaraa fi Oromoo garee lamatti qoodamuun jeequmsichi akka hammaates dubbatan.
Tarkaanfii qaamolee nageenyaa fudhataniin dargaggoonni Oromoo 14 ulee fi dhagaadhaan miidhamanii mana yaalaa seenuus himan.
Namoonni jeequmsicha jalqabsiisan miliqaniiru kan jedhan obbo Qorichoon hojjettoonni mootummaa gocha kana qindeessaa turuu eeran.
"Jeequmsa kana keessatti hojjettoonni mootummaa aanaa 12 keessaa harka qaban ni jiru. Isaan amma adda baasnee jirra tarkaanfii madaalawaa ta'es ni fudhanna" jedhan.
Naannoo Bulbulaatti amma nageenyi deebi'ee tasgabbiin jiraachuus himaniiru.
Laaftoo
Walgahii paartiin EZEMA magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas Silki Laaftootti gaggeessee ture akka bittinaa'uuf dargaggotni yaalanii ture jechuun ibsa paartichi.
Hogganaan Komunikeeshinii paartiichaa Obbo Naatinaa'el Zallaqaa BBC Afaan Amaaraatti akka himetti Dilbata darbe paartiin kuni magaalaa Finfinnee bakka shanitti walgahii isaa gaggeessera. Kunis Kaayyoo dhaabichaa, galma isaafi qophii filannoo dhufuurratti kan xiyyeeffate akka tahe dubbata.
Kutaa bulchiinsa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 19'tti walgahii osoo hin eegaliin dura dargaggotni dhufanii walgahicha akka hin gaggeesine jedhan Obbo Naatinaa'el.
"Dargaggootni muraasni dhufanii miseensotni keenya akka gara galmaatti hin galle yaalanii ture. Haalicha to'achuu waan hin dandeenyeef poolisii waamnee erga isaan bakka sanaa akka deeman godhanii nagumaan walgahii keenya xumurre."
Akka Hogganaa Komunikeeshinii EZEMA kanaatti alaabaa buusanii ture garuu namootni dhufan maaliif akka tahe waan baran hin qaban.
Miseensotni keenya walitti bu'insa keessa osoo hin galin haalicha tasgabbeesuuf yaallera jedhanii waan irra gahames poolisii waliin hordofaa jirra jedhan.
"Namootni dhufan miseensota keenya miti. Akka dhageenyetti dargaggota naannichaa akka hin taanedha kan dhageenye. Lakkofsi isaanii gara 20 tahu."
Miidhaan gaheeru tokkoyyuu hin turre kan jedhu Obbo Naatinaa'el, homaa addatti waan qabatanii dhufanis hin qaban wal gahicha hin gaggeesitan jedhan malee jedhan.
Aqaaqii
Gama biraan walgahiin Waldaan Misooma Amaaraa Bulchiinsa Aqaaqitti gaggeessa tures xumura jala jeeqamera jedha hirmaataafi qindeessaan walgahichaa.
Walgahii Aanaa sagal keessatti gaggeessaa ture akka bittinaa'u taheera jedhu hirmaattota keessaa tokko kan tahe Ballaxee Taganyee.
Walgahicha ganama irraa eegaluun gaggeessaa turre kan jedhu Ballaxeen sa'aa 6:30'tti gareen dargaggotaa dhufanii walgahicha bittinsuuf yaalan jedhe.
"Walgahicha xumurree waan xiqqootu hafee ture. Ala irraa sagalee waca dhageenye. Yeroo sana ijoolleen keenya gara alaatti akka hin baane ture kan yaalaa turre."
Poolisiin Federaalaa erga dhufee akka nagaatiin achii bahaniif hojjechaa ture kan jedhu Ballaxaan, booda garuu gaggeesitootni ADP kutaa bulchiinsa Aqaaqii keessaa hidhamanii ture jedhe.
"Sakatta'insa irratti rakkoon uumamee ture. Tiishartii keenya irra karaa fuulduraa suuraa Minilik karaa duubaa immoo kan Teediroos qaba ture. Kana Maaliif uffatte jettan jechuun poolisiin nugafatan jiru."
Booda konkolaataa 'FSR' jedhamuun deddeebi'ee namoota fe'un gara gara manaatti nu galchan kan jedhu hirmaataan walga'ichaa kun, hoggantootni ADP naannicha jiran hoggansa keessa hin gallu garuu Amaara tahuu keenyaaf qofa isin waliin walgahicha hirmaanna jedhanii kanneen dhufan funaananii hidhan jedhan.
Haatahu malee, hoggansi garaagaraa irratti hirmaachuun akka halkan hiikaman taasifameera jedhe.
Dhimma gidduu kana Finfinnee ta'an irratti Komishinii Poolisii Finfinnee argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.