Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Cuukkoon Irreechaaf qophaa'ee ture eessa gahe?
Irreecha Hora Finfinnee barana deebi'e irreeffatamuu jalqaberratti gammaduudhaan cuukkoo kiiloomeetira afur (meetira 4,000) dheeratu kan qopheesse Dhaabbata Kaaffeefi Restoraatiin Odaa Internaashinaalii ture.
Abbaan qabeenya dhaabbatichaa Obbo Dimbuu Abdallaa, cuukkoo kana yoo bulchiinsi magaalaa yookaan Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa isaanirraa fuudhe tolaan akka qoodamu yaadanis boodarra gatii madaalawaadhaan gurguruuf akka murteessan Irreechaan duratti BBCtti himanii ture.
Cuukkoon rikardii qabata jedhame kuni jala bultii Irreechaatti agarsiifamus gaafa Irreechaa garuu ummanni nurraa bituu dide jedhan Obbo Dimbuun.
"Gaafa Irreecha Finfinnee sana gatii madaalawaadhaan ummanni akka bitatu dhiheessinus irreeffattoonni 'duraan tola jechaa hin baanee' yaada jedhuun nurraa bituu didani" jedhu.
Gatii cuukkoo meetira tokkoo qarshii 250 hanga 300 gurguruuf akka dhiheessanis himan
"Dhugaa dubbachuudhaaf cuukkoo meetira tokko kana osoo qarshii 800 illee gurgurree gatii itti baafne sana hin deebisu.
''Garuu jila ummataati jennee qooda nu biratti hafu jennee hamma birrii 250'tti gadi buusnee akka gurguramu goone," jedhan.
Cuukkoo Irreechaa kana gaafa Irreecha Finfinneefi Bishooftuullee gurgurtaaf dhiheessinus meetira 4,000 qopheesine keessaa cuukkoo meetira 300 hin caalle qofatu gurgurame jedhan.
"Amma cuukkoon meetira 3700 ta'u giddugaluma aadaa Oromoo keessatti kuufnee teechisaa jirra. Yoo mootummaan nugargaare qofa fala argatas," jedhu Obbo Dimbuun.
Cuukkoon qophaa'e kun osoo hin gurguramiin yoo qisaasame dhaabbanni isaanii tilmaamaan hanga birrii miiliyoona afurii akka kisaaraan isaanirra gahus yaaddoodhaan himan.
Abbaa qabeenyumaa kalaqaa kan ilaaleenis ministeerri Saayinsiifi Innooveeshinii akkasumas Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta'uun adeemsarra akka jiranis himu. "Ministeerri saayinsii fi Innooveeshinii cuukkoo meetira 4,300 safaran. Adeemsa galmeessuu isaatis jarumatu itti adeemaa jira" jedhan.
Nyaatichi akka hin aloofneefis of eegannoodhaan olkaa'ee waanin jiruuf hanga waggaa tokkooyyuu turuu ni dandaha amantaa jedhu qabu Obbo Dimbuun.
Cuukkoo kiiloomeetira afur dheeratu kana hojjechuuf garbuu kuntaala 49 fi dhadhaa kiloogiraama 3,538 fayyadamuu himanis turan.
Hojii isaatiifis namoonni 18 akka hirmaataniifi guyyoota 29 akka itti fudhates ibsan.
Abbaa qabeenyummaa kalaqaa kan ilaaleenis isaaniin alatti nama hojii kana yaada maddisiisuus ta'e hojjechuun isaanirratti komii kaase akka quba hin qabne eeran.