Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awwaalli Eliyaas Malkaa Wiixata dhufu raawwatama
Awwaalli oggeessa muziqaa Eliyaas Malkaa Wiixata dhufaa kan raawwatamu ta'u oggeessi muziiqaa Daawiit Yifruu BBC'tti himaniiru. Sirna awwaalchaa raawwachisuufis koreen hundaa'uun hojjatamaa jiraachu barameera.
Obbo Daawitti akka dubbataniitti, sirni awwaala oggeessa muziqaa beekamaa kanaas sa'aatii sagal irratti batasikaana Phexiroos Waphaawolositti raawwatama. Isa dura garuu sirrin gaggeessaa mana barnootaa bakka Eliyaas muziqaa itti barate Mana Barnoota Muziiqaa Yaareditti taasifamaafis jedhaniiru.
Eliyaas Malkaa gabaabumatti
Oggeessi muziiqaa, walalleessaa, barreessaa yedaloofi taphataan gitaaraa Eliyaa Malkaa addunyaa kanarraa du'aan boqateera.
Aartist Eliyaas rakkina kalleefi dhukuba sukaaraa isa mudate tureef wal'aanamaa turuusaa hiriyoonni isaa BBC'n dubbise himaniiru.
Aartist Eliyaas magaalaa Finfinnee bakka Abinat jedhamuun beekamuutti kan dhalatee guddate yoo ta'u, ijoollummaasaatti taphataa kubbaa miilaa gaarii akka ture namoonni dhiyeenyatti isa beekan ni dubbatu.
Barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barnootaa Haayilu Tasfaayee jedhamuutti, kutaa saddeetti kaasee ammoo mana barnootaa 'Kafitanya 7' jedhamutti barate.
Aartisti Eliyaa ALI bara 1987tti mana barnootaa muziiqaa galuun kan barate yoo ta'u, gitaara 'liid fi Cheelo' jedhaman Taphata ture.
Oggeessi muziqaa kun muuziiqaa qindeessuu kan eegale 'istudiyoo baganaa' jedhamee beekamu hundeessuun yoo ta'u, oggummaasaatiin cimaafi tattaafataa akka ture oggeessoonni damee kanaa isa waliin hojjatan dhugaa bahuuf.
Eliyaa gitaara Taphachusaatiin alattis jadaloo muziiqaa barressuufi muziqaa qindeessa ture.
Baandiiwwan Madiinaa, Zeenaa Laastaas fi Afro Saawund waliin Taphateera.
Eliyaas wayita mana barnootaa Muziiqaa Yaareeditti barataa tureetti haala tartiiba sagalee muziqaawwan Afaan Oromoo adda addaarratti qorannoo muraasa hojjachuun maqaansaa ni ka'a.
Dhiheenyattis waahiloota isaa waliin ta'uun appii 'Awutaar' jedhamuufi kan muziiqaan ittiin gurguramu hojjatanii beeksiisuun ni yaadatama.
Eliyaas oggeessoota damee kanaa muziqaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti gumaata taasisan keessaa tokko ta'usaa namoonni muziiqaadhaan waliitti dhufeenya qaban hedduun dhugaa bahuuf.
''Muziiqaan kabaja ishee guutuu waliin karaa Eliyaasiin dabarti,'' jechuun kanneen dhugaa bahaniifis, sirboota aartistoota akka Miikaa'eel Balaayinaa (Baanta Godaanaa), Teedii Afroo (Abogidaa) fi Zariitu Kabbadaa (Saanduqoochu), dhiyeenyattis Galaanaa Gaaromsaa fa'iif kan qindeessee Eliyaas ture.
Kana malees aartistoota bebbekamoo akka Miikiiyaa Bahaayilu, Iyyoob Makoonniin, Gosaaye Tasfaayee, Aragaahinyi Warashi, Kuukkuu Sabisibee, Tigist Baqalaa fi kkf kanneen oggummaan Eliyaas dhadhamatan keessaa muraasa.
Kanaan alattis Eliyaas faaruuwwan dhimmota hawaasummaa addaa addaarratti xiyyeefatan hedduus kan qindeesse yoo ta'u, isaan keessayis faaruwwan 'Malaa Malaa, Maalabaabas Yiqir, jedhaniin alattis kanneen balaa tiraafikaarratti xiyyeeffataniif Gamtaa Afriikaatiif faaruun qindeesse kanneen eeraman keessaayi.
Eliyaa Malkaa hojjii isaa kanaanis qaamoolee adda addaarraa badhaasawwan garaagaraa argateera.
Oggeessi muziqaa kunis hanga Sambata darbeetti dorgommii kennaa walliftoota Faanaa irratti abbaa seeraa ta'uun tajaajilaa kan ture ta'u barameera.