Filannoo Israa'el: Paartileen Arabootaa Netaaniyaahuun akka bu'uuf mormituu isaa deggaruuf

Beenii Gaantiz, Amajjii 2019

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Beenii Gaantiz, Amajjii 2019
Maxxanfame

Seera baastonni Araboota-Israa'el gaggeessaa waraanaa duraanii kan turaniif yeroo ammaa ministira muummee Beenyaamiin Neetaaniyaahuu waliin dorgomaa kan jiran Benii Gaantiz akka ministeera muummee ta'uu qabuuf yaada dhiyeessan.

Filannoon torban darbe gaggeeffame aangoorra kan jiran Beenyaamiin Neetaaniyaahuu waliin dorgommee kokkeetti walqabuurra ga'een walitti dhiyeenyaan waan xumurameef lamaan isaaniiyyu mootummaa paartii biroo waliin walitti gurmaa'uun ijaaruuf fiigaa jiru.

Paartiin Joint List jedhamu ammoo garee mootummaa ijaaruudhaaf namoonni kunneen waliin gurmaa'uun mootummaa hundeeffahuu barbaadan keessaa tokko kan sadaffaa ba'edha.

Innis paartii warra gartuu Arabootaa yommuu ta'u, Obbo Netaaniyaahuun akka aangoorraa bu'u barbaadu.

Erga bara 1992 asitti gareen siyaasaa warra Arabootaa ministeera muummeetiifi deggersa akka kennan beeksisuun isaanii kan jalqabaadha.

Filannoon ammaa kun filannoo biyyaalessaa Israa'el lamaffaadha. Kan jalqaba Ebla keessa gaggeeffameen mareen walitti dhufanii mootummaa hundeeffachuu waan hin milkaa'iin hafeef, filannoon biroo akka dursee gaggeeffameef waamichi ta'eera.

Pirezedaantii Israa'el Reuven Rivlin

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Israa'el Reuven Rivlin

Filannoo lamfaa kanaan boodas rakkoon mudachuun hin oolle. Kanaaf jecha pirezedaantiin Israa'el Reuven Rivlin mootummaan haarawaan paartii Gaantiz Biluu fi Waayit jedham kan teessuma 33 mo'ateefi kan Netaaniyaahuu Liikiwud Paartii teessoo 31 mo'ate akka dabalachuu qabu yaada dhiyessaniiru.

Obbo Rivlin akka jedhanitti filannoon waliigalaa bara kana Israa'el keessatti dabalamee akka hin gaggeeffamneef kanan danda'u mara nan godhadha.

Dursaan garee Joint List jedhamanii Ayman Odeh, Pirezedaant Rivilinitti akka himanitti dursa kennaniin kan qindaa'an akka Netaaniyaahuun marsaa sadaffaatiif filatamanii aangoo hin qabanneefidha.

Gareen Joint List ammoo filannoo kanaan teesuma 13 mo'ateera. Obbo Gaantiz yoo deggersa teessuma 13 hunda argatanillee, mana maree Israa'el teessuma 120 qabu keessatti sagalee caalmaa teessuma 61 qabaachuun mootummaa ijaaruu hin danda'u.

Kun lammilee Araboota Israa'el ta'aniif aangoo siyaasaa guddaatti dhimma bahuudhaaf barbaachisaadha.

Pirezedaant Rivlin erga filannoo torban darbe gara tokkotti hin baasiin hafeen asitti gaggeessitoota paartilee mari'achuun eenyu akka biyya gaggeessuu qabu gaafachaa jiru.

Deggersi paartiin garee Arabootaa kun Beenii Gaantiziifi paartiin isaanii Biluu fi Waayitiin akka sagalee caalmaa biyya bulchuu dandeessisu kennuufi baatullee carraa mootummaa ijaaruuf waliin dubbachuuf qaban cimsaaf.

Dursaan garee warra Arabootaa Ayman Odeh Obbo Gaantiziifi imammata isaa hin deggeran garuu akka Beenyaamiin Neetaaniyaahuu marsaa sadaffaatiif aangoorra hin turre gochuudhaaf.

Kana malees, fuuldurri Israa'el hirmaannaa Palastaayinootaa guutuufi walqixa ta'e qabaachuu akka qabu ergaa ifa ta'e dabarsuudhaaf.