MM Abiy Ahimad badhaasa nageenyaa 2019 Jarmanii fudhatan Yuuroo 25,000 ijaarsa G/G 'Melkam Wexaxiif' kennan

Maxxanfame

MM Abiy Ahimed badhaasa nagaa Jarmanii fudhatan Yuuroo 25,000 ijaarsa gidduugala 'Melkam Wexxatiif' kennan.

Yeroo gannaa kana marsaa torbaaf walitti aansuun sagantaan 'Melkaam Wexxaat' magaalaa Hawaasaatti tajaajilaa fi gaggeessaa pirojektichaa Yoonaattaan Akiliiluun kennamaa ture har'a galma Bar-Kumeetti sirni cufinsaa isaa gaggeeffameera.

Sirna cufinsa sagantichaa irratti MM Abiy Ahimadii fi MM itti aanaa Dammaqaa Mokonnin argamaniiru.

MM Abiy saganticha irratti dargaggoo gaarii Melkaam Wexxaat jechuun fakkeessuu irraa gara fakkaachuutti guddachuu akka tahe himaniiru.

Kana jechuunis gara beekumsaatti, ogummaa, jaalalaa fi kennuutti guddachuu akka tahe dubbatan.

Araadni Ashiishii qofa miti kan jedhan ministirri Muummee sanyummaan wal qooduun fi amanataa amantaadhaan qooduun wal nyaachisuunis araadadha jedhan.

Biyya araadni sobaa, sanyummaa fi dhibaa'ummaan jirutti isin akka barumsaatti filatamtaniittus jedhan.

Manni amantaa Ortodoksi Tewaahidoo kabajaa Itiyoophiyaati kan jedhan Dr Abiy amma ajandaa siyaasaa fi sanyummaa gochaa jirras jedhan.

Warri amantaa Pirotestaantiis kannen hordoftoota Ortodoksii jaallachuun filannoo osoo hin taane dirqamadhas jedhan.

Gaggeessaa sagantaa Melkaam Wexxaat kan tahan tajaajilaa Yoonaattan Akiliiluus bakka ulfinaa jiran irraa akka gadi hin buune dhaamaniiruuf.

Badhaasa nagaa Awuroopppaa bara 2019 Jarman irraa argatan Yuuroo 25,000 ijaarsa gidduugala Melkaam Wexxaatiif akka kennan himaniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Dammaqaa Mokonnin kaka'umsa dhuunfaadhaan abdii biyyaa boruu kan tahan dargaggoota akkasitti walitti qabanii ji'ootaaf waan gaarii qofa barsiisuufi hidhachiisuun waaqa birattis qajeelummaadha jedhan.

Akkasitti dhiifamaa fi jaalala kanneen barsiisan kumaatamni yoo hiriiran gara miliyoonaatti guddisnee yeroo gabaabaa keessatti bakka mul'ata keenyaa geenyas jedhan.

Yoonaattaan Akiliiluu bara 2009 irraa eegaluun sagantaa Melkaam Wexxaat kanaan dargaggoota hedduu barsiisuun eebbisiisaa turan.