Re’oonni qabeenya miseensa paartii Aranaa ta’an 13 'hidhaman'

Madda suuraa, NurPhoto
Gidduu kana re'oonni kan nama miseensa paartii Aranaa ta'an jedhaman hidhamuun isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'eera.
Dura taa'aan paartii Aranaa Obbo Abrahaa Dastaa gaafa Roobii re'oonni 16 kan miseensa paartii isaanii ta'an Naannoo Tigraay Aanaa Qollaa Tambeen Ganda Warq Ambaa Qahaay Takilii jedhamutti hidhamuu isaanii BBC'tti himaniiru.
Abbaan re'oota kanaa Obbo Zenaawwii Asmallaashidha. Re'oonni isaanii 16 akka jalaa hidhaman himun isaan keessaa sadii miliqanii gara manaa deebi'uu isaanii BBC'tti himaniiru.
Obbo Abrahaan Obbo Zenaawwiin miseensa paartii Aranaafi paartichaaf qindeessaa Godina Tambeen akka ta'an himu.
Kana duras Obbo Zenaawwiin hidhamanii akka turaniifi irra deddebbiin doorsisi ajjeechaa akka irra gahaa ture Obbo Abrahaan himu.
Obbo Zenaawwiin re'oonni isaanii kan hidhaman isaan miseensa paartii Aranaa waan ta'anif akka ta'e himu.
Akka isaan jedhanitti isa re'oonni isaanii hidhaman alatti irra deddebbiin doorsifni ajjeechaa akka irra gahaa ture gaddaan dubbatu.
Eenyutu re'oota oofe?
Re'oonni kuni gaafa Roobii guyyaa keessa sa'aatii 7:00'tti nama tokkoon oofamanii mana milishaa naannicha jiraatu tokko keessatti akka hidhaman namarraa dhagahuu isaanii Obbo Zenaawwiin himu.
Obbo Abrahaanis re'oonni gara ajajaa milishaatti akka geeffaman odeeffannoon qaba jedhu.
Obbo Zenaawwiin ''Reo'oonnikoo najalaa fudhatamaniiru' jechuun poolisiitti iyyata dhiheessanis, 'paartii Aranaa keessaa bahuu qabda. Kanaan ala re'oonni siif hin kennamani' jedhamaniiru jedhu Obbo Abrahaan.
Obbo Zenaawwiin gama isaaniin re'oonni akka isaaniif deebi'an poolisiif iyyatanis 'Fesbuukii irratti akkuma odeessiste achumatti barbaaddadhu' akka jedhamaniifi ammatti waan godhan akka wallaalan BBC'tti himaniiru.
'Yeroo duraaf miti'
Obbo Abrahaa akka jedhanitti taanaan miseensota paartii irratti badiin akkanaa yeroo raawwatu kuni kan duraa miti.
Kana dura saawwan qabeenya nama miseensa paartii Aranaa ta'an lama qawweedhaan ajjeefamuu himu Obbo Abrahaan.
Dabalataanis, miseensa paartichaa kan ta'e Kibroom jalaa bineeldonni akka jalaa hidhamanii turan himu Obbo Abrahaan.
Namoonni kunneen gara poolisii yeroo iyyatanis 'Aranaa dhiisi' akka jedhaman Obbo Abrahaan himu.
Badii kanaaf kan itti gaafatamu qondaaltota dhaaba Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) akka ta'e Obbo Abrahaan himu.
''Murteen kuni ABUT irraa akka dhufu beekna,'' jechuun qonaaltota naannicha irratti akka himata bananis himaniiru.
Inispeektara gargaaraa Fissahaa Abrahaa Ajajaa poolisii Aanaa Qollaa Tambeeni. Dhimma kana irrati kan gaafanne qondaalli kuni ''yoo qaamaan dhuftani malee dubbachuu hin dandeenyu'' jedhan.
Dabalataanis, dhimma kana irratti odeeffanno dabalataa argachuuf Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Tigraayiifi Dubbii Himaa dhaaba ABUT'f bilbilluus bilbila hin kaasne.













