Injiinarri Kaampaanii Guugil'f Uuber duraanii hannaan himatame

Antoonii Levaandowiskii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Antoonii Levaandowiskii hojii Uuber irraa ari'ame
Maxxanfame

Waajjirri Haqaa USA injiinara olaanaa kaampaanii Guugil duraanii yakkaan himate.

Injiinerichi yeroo kaampaanii Guugil waliin hojjetaa turetti icciitii teeknolojii konkolaataa hatuun itti fayyadameera jechuunidha kan himate.

Antooniyoo Levaandewoskii yakkota daldalaa 33'n kan himatame yoo tahu, icciitii qubeessa konkolaataa 'Guugil' kan ofiin konkolaachisuu danda'uus hateera jedhame.

Bara 2016 keessa hojii konkolaataa ofiin oofuu kan Guugil dhiisuun kan kaampaanii Uubar gale. Osoo hin turiin garuu hojiicha irraa ariyatame.

Levaandowiskiin yakka kana haaleera. Amma dhaabbata dhuunfaa isaa gaggeessaa jira. Kaampaanotni lamaan konkolaataa ofiin ofkonkolaachisu hojjechaa turan.

Ogeessi seeraa Leevaandowiskii ammoo sanadni tokko illee icciitiidhaan kaampaanii Uuberiifis tahe nama dhuunfaaf kennamee hin jiru jedhe.

Waayimoo jedhamuun kan beekamu konkolaataa Guugil ofiin deemu fi Uuber waliin wal himataa turuun bara 2018 ture kan xumura argate. Haa tahu malee yeroo sana ogeessi kun qaama himatichaa tahuu hin ibsamne.

Mr.Levandowiskiin osoo Wayimoo kan Guugil gadhiisee hin bahiin dura sanadoota kumaatama icciitii oomisha konkolaataa ofiin deemu waliin wal qabatan interneetii irraan buusuun [download] gochuun fudhatee baheera jedhamuun himate.

Abukaatoon federaalaa Kaalifoorniyaa Deevid Andersan, hundi keenya iyyuu hojii keenya jijjiiruuf mirga qabna garuu namni tokko illee karaa hin malleen kiisii [giphii] isaa guuttachuu hin danda'u jedhan.

Hanni ammoo kalaqa mitis jedhan. Levandowiskiin yakkamaa tahee yoo argame balleessaa tokkoof doolaara 250,000 walumaagala balleessaa 33'f ammoo doolaara mil.8.25 fi hidhaa waggaa 10'niin adabamuu danda'a.