Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii faakkiin ishee tibbana fuula dura Google irratti bahe eenyu?
Google tibba kana fuula jalaqabaa isaarratti fakkii weellistuu lammii Keep Verdee maxxansuun gumaacha ishee yaadate.
Weellistuu lammii Keep Veerdee, Sisaariyaa Evooraa maqaa masoo ''Barefoot Diva'' jedhamuunillee ni bekamti.
Tibbana Google irratti bakka waan ilaaluu ykn dubbisuu barbaadan itti kataban biratti fakkiin ishee maxxanfamee, namoonni ishee hin beeknu kun eenyu jechuun akka gaafatan dirqisiisee ture.
Waltajjii irra miilla qullaa kan weellistu Sisaariyaan bara 2011 lubbuun kan dabarte yoo ta'u, Google guyyaa itti dhalattee waggaa 78 ffaa isheef fakkii ishee maxxansee yaadateen.
Bara 1988 tti hojii ishee jalqabaa kan maxxansiifte Sisaariyaan, waggoota 20 keessatti beekamtii guddaa sadarkaa idila aaddunyaatti argachuu dandeesseetti.
Aalbama ishee 'Voz D'Amor' jedhuun bara 2004'tti badhaasa 'Grammy' argatteetti.
Bara darbe BBC'n sagantaa isaa dubartoota Afrikaa Addunyaa jijjiiran irratti xiyyeefateen seenaa ishee kaasee yaadateera.