Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimed daawwannaa Kooriyaa Kibbaatti taasisaan xumuruun Jaappaanitti imalan
MM Abiy Ahimed daawwannaa isaanii Kooriyaa Kibbaatti guyyoota lamaaf taasisaa turan xumuruun gara Jaappaanitti imalan.
Ministirri Muummee Jaappan kan deeman wal gahii Tiikaad kan hoggantootni biyyota 42 irratti hirmaatan irratti argamuufi.
Walgahii Tiikaad kana ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa obbo Gadduu Andaargoochoos hirmaataa jiru.
Walgahichi Jaappaan magaalaa Yokohaamaatti guyyoota sadiif gaggeeffama. Wal gahichi misooma Afrikaa irratti xiyyeeffata jedhama.
Daawwannaa isaanii guyyoota lamaaf Kooriyaa Kibbaa magaalaa Sehulitti taasisanin qaamolee garaagaraa waliin marii gaggeessaa turaniiru.
MM Abiy Ahimed daawwii isaanii Kooriyaa Kibbaatti taasisaa jiraniin hogganaa kaampaanii oomisha konkolaataa Hayundaayi waliin Itiyoophiyaatti haala investimantii irratti hirmaachuu danda'an irratti mari'atan.
Fedhii sibiilaa Itiyoophiyaa keessa jiru guutuuf kaampaaniin oomisha sibiilaa Pooskoo Itiyoophiyaatti gidduugala isaa akka banuufis gaggesitoota waliin mari'ataniiru.
Abiy itti aanaa pirezidaantii kaampaanii Saamsaangi Woon-Kiyoongi Kiim waliinis mari'achuun gara Itiyoophiyaatti dhufuun investimantii isaa akka babal'isuuf afeeraniiru.
Mr. Kim haaromsa dinagdee amma Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jiru akka kabajan himanii fuulduattis carraawan invastimantii jiran irratti hirmaachuuf fedha akka qaban himaniiru.
Abiy Ahimed (PhD) turtii Kooriyaa Kibbaa Sehulitti taasisaniin hawaasa Itiyoophiyaa biyyicha jiraatan waliinis mari'ataniiru.