Buufanni qorannoo hawwaa har'a galgala sa'a 1:52 irratti samii Finfinnee irra qaxxaamurti

Buufata qorannoo hawwaa har'a galgala samii Finfinnee irra darbiti jedhame.

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata qorannoo hawwaa har'a galgala samii Finfinnee irra darbiti jedhame.
Maxxanfame

Hawwaa keessa naanna'uun odeeffannoo kan funaantu buufanni qorannoo hawwaa idila adunyaa har'a galgala sa'a 1:52 yommuu tahu samii magaala Finfinnee irra akka qaxxaamurtu himameera.

Haalli qilleensaa rakkisaa duumessa tahee yoo dhokse irraa kan hafe haalli qilleensaa mijataa taanaan meeshaa tokko malee ijumaan argamuu akka dandeessu himaniiru.

Buufatni qorannoo hawwaa kun yommuu samii magaalichaa irra darbitu kan argamuu dandeessu daqiiqota jahaaf akka tahe himaniiru.

Buufanni qoranno hawwaa kun maal hojjetti?

Buufanni hawwaa kun harkisa lafaan ala taatee lafa kanatti kan naannoftudha.

Buufanni hawwaa kun hanga dirree kubba miilaa tokko kan geessu yoo tahu ogeessota keessa ta'anii fi ofuma isheen osoo addaan hin kutiin qorannoowwan garaagaraa fi yaaliiwwan taasifti.

Yeroo irra naannoftee odeeffannoowwan dhala namaa fayyadan funaantu dabalataan qorannoowwan hawwaa fuulduraaf kan fayyadanis walitti qabdi.

Yoom mul'achuu dandeessi?

Buufanni hawwaa kun yoo duumessi haguuge malee akkuma ji'aa [adeessaa] ifa aduu waan calaqqeesituuf ijumaan mul'achuu dandeessi.

Haa tahu malee ifa guyyaa keessatti ilaaluun ulfaataadha. Yeroo ifni aduu hin jirre halkaniifi gara barii haala gaariin ilaaluun danda'ama.

Buufanni hawwaa kun maal fakkaatti?

Buufanni hawwaa kun baay'ee guddaa taatee boca xiyyaaraa qabdi. Garuu ifa guddaa waan qabduuf urjii samii irra fiigdu fakkaatti.Sarara imala ishees hin jijjiirtu. Akkuma xiyyaaraatti kan deemtu yoo tahu saffisni ishee garuu kan xiyyaaraa hedduu caala.

Fageenya Km28,000 sa'aatii tokko keessatti deemuu kan dandeessu yoo tahu daqiiqaa 90 keessatti adunyaa kana naannoftee xumurti.

Namoonni buufata kana keessa taa'uun imalan daqiiqaa 90 keessatti yeroo aduun si'a 16 lixxee deebitee baatu arguuf carraa qabu.

Buufanni hawwaa kun akkuma ji'aa ifa aduu irraa argattu fayyadamuuni halkan kan imaltu.