Bara 2011tti kontrobaandiin birri bil. 1.4 baasuu to'atame

Maxxanfame

Bara 2011'tti meeshaaleen kontrobaandiin birri bil. 1.4tti tilmaamamu to'annoo jala olfamuufi kanumaan walqabatees namootni 1000 qabamanii seeratti dhiyyeeffamunsaanii Ministeerri Galiiwwan Itoophiyaa beeksise. Ibsa ministirri galiiwwanii Aadde Adaanach Abeebee raawwii hojii bara 2011 fi karoora bara 2012 ilaalchisuun harra kennanin, bara darbe keessa galiin birrii biiliyoona 198.1 walitti qabamuusaa himan.

Galii bara 2010 sassaabame birrii biiliyoona 22n (12%) akka caalus dubbatan.

Haalli siyaasaa fi rakkooleen nageenyaa biyyattii keessa turan hojii galii walitti qabuu irratti rakkoo akka ture kan himan ministirri galiiwwanii Aadde Adaanach, koontirobaandiin albuudaaleefi omishaalee qonnaas gufuu isaan biroo akka ta'an dubbatan.

Kutaaleen biyyattii gama bahaa, kibbaa fi kaabaa ammallee rakkoon kontirobaandii kan irratti mul'atu dha.

Dhiibbaan daldalli biyya alaa qorruu fi rakkoon sharafa biyya alaa diinagdee biyyattii irratti fidanis mudaawwan isaan biroo ta'usaanii himan.

Gama galii biyya keesaa cimsuutin galii bara 2011 sassaabame keessaa dhibbeentaan 61 galii biyya keessaa ta'uunsaa diinagdeen biiyyatti karaa gaarirra jiraachuusaa agarsiisa jedhan Aadde Adaanach Abeebee.

Biyya tokkoof baasii ofii galii ofiitin uwwisuun dhimma fayyaalessummaa diinadgee biyya tokkoo agarsiisu ta'uu isaatin biyyattiinis kana milkeessuuf daandii qabachaa akka jirtu akka agarsiisu himan.

Adeemsi walitti qabiinsa galiiwwanii biyyattis haala fayyaalessaarra jiras kan jedhan Aaddee Adaanach, keellaawwan sakkata'iinsaa haaraan 36 banamu himaniiru.

Biyyattin dandeettii galii kana caalu maddisiisuu ni qabdi kan jedhan adde Adaanach Abeebee baasin biyyattii olaanaa ta'uu isaatin cimanii hojjechuu barbaachisa jedhan.

Dhimmoota galii sassaabuf gufuu ta'an adda baasun hojiin rifoormii hojjetamaa ture fooyya'iinsa gama sassaabbi galin mul'atef sababa akka ta'e adde Adaanach himaniiru.

Kana malees sosochiin taaksii ministeerichi taasisaa ture walitti dhufeenya ministeericha fi kaffalttoota gibiraa fooyyessuu isaa himan.

Iyyatawwan murtee gibiraa irratti dhiyaatanif deebii saffisaa fi ifa ta'e kennuun, fooyya'iinsi seerotaa taasifamuu fi kaffaltoota gibiraa hanqinni maallaqaa isaan mudate yeroo dheeraa keessatti akka kaffalan gochuun milkaa'ina argamef sababa akka ta'an ibsi ministeera galiiwwanii hima.

Kana malees tajaajilli gumrukaa wiixataa hanga sanbata xiqqaatti sa'aatiwwan 24f kennamuun isaa fi meeshaaleen buufata doonii Jibuutii osoo jiruu sanadootni garuu akka hojjetaman gochun milkaa'ina argamef sababa akka ta'an adde Adaanach dubbatan.

Bara 2011 idaa dhaabbilee daldallaarra ture birriin biiliyoona 26 sassaabamuusaas dubbatan.

Yakka gibira dhoksuu ittisuun walqabatee odiitii fi qorannoo gibiraa fi sakkata'iinsa tasaa sanadaa dhaabbilee 5156 fi sanadoota 2025 irratti taasifameen dhaabbilee rakkoon irratti argamerraa galiin birrii biiliyoona 40 ol sassaabameera jedhan.

Kana malees dhaabbilee eenyummaa sobaatin socho'an fi nagahee maxxansanii gurguran 188 uummataaf saaxiluun seeraan akka gaafataman taasifameeras jedhan.

Ministeerichi bara 2012ti galii mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'ef birrii biiliyoona 224 jijjiiruun birrii biiliyoona 248.3 walitti qabuuf karoorfateera walitti qabuf hojjechaa akka jiru minisrittin adde Adaanach himan.

Ministeerichi labsiiwwan dhimma galiin walqabatan gara labsii tokkootti walitti qabusaa fi torbee itti aanu keessa mana maree bakka bu'oota uummataan akka ragga'u eeggama jedhan.