Indiyaatti namoonni qondaala eegumsaa reeban to'ataman

Maxxanfame

Bulchiinsa Indiyaa kibbaa Telengana keessatti poolisiin utuu ilaaluu dubartiin ogeettii eegumsa bosonaa taate, uleen daran erga reebamtee booda namootni kudha jaha to'annoo jala oolaniiru.

Gartuun gocha kana gaggeessan miseensota paartii biyya bulchuun kan durfamaniifi Dilbata sochii biqilaa dhaabuu mormaa kan turanidha.

Vidiyoon haleellaa kanaa midiyaa hawasumma gubbatti hedduu nannaa'aa jira, hogganaan paartichaas gochiicha balaaleeffateera.

Qondaalii eegumsa bosonaa kun yeroo ammaatti midhaa guddaa irra ga'eef hospitaallatti yaalamaa jirti.

Poolisootnifi qondaaltoonni biroo gidduu galanii hala hin tasgabbeessin dura dubartiin kun yeroo hedduu uleen rukutamteetti.

Qondaalli olaanaa paartii Telangana Rashtra Samithi (TRS), Kalvakuntla Taraka Rama Rao, Tiwiiteeri gubba irratti gocha kana akka balaallefatan ibsaniiru.

Dursaan gartuu haleellaa kana raawwatee Koneru Kirishnaaa Rao, obboleessa aanga'aa paartii TRS, ta'uusaa barameera. Paartiichi namni kunis to'annoo jala akka oole mirkaneesseera.

Mr Rao "qonnaan bultoota naannichaa qondaaltonni oobdii keenya baleessan jedhaniif haqi akka argamuuf " yaalaan ture jechuun midiyaa biyyattiif deebii laateera. Haleellaan kun garuu "waan yaada malee uumamedha" jechuun haalera.

Poolisootni lamas yeroo haleellaan kun raawwatu achi turan qoondaala eegumsaa boosonaa kanaaf eegumsa lachuu dadhabuu isaaniin hojiirra dhorkamuu isaani BBC Telugu mirkaneefateera.

Gochiii kun magaalaa Kagaznagar keesstti raawwate.

Paartileen mormiitu akka paartii Bharatiya Janata Party (BJP) fi paartii Koongireessii gochaa kana hedduu balaaleeffataniiru.